Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 93

1 Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata;

Waaqayyo surra ni uffata; jabinas hidhata.

Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.

2 Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera;

ati durii duriitii jalqabdee jirta.

3 Yaa Waaqayyo, galaanonni ol kaasaniiru;

galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru;

galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru.

4 Sagalee bishaan baayʼee caalaa,

jabina dhaʼaa galaanaa caalaas,

Waaqayyo ol gubbaa jiru sun humna qabeessa.

5 Seerri kee jabaatee ni dhaabata;

Yaa Waaqayyo, qulqullummaan bara baraan

faaya mana keetii ti.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também