Publicidade

Salmos 130

Faarfannaa ol baʼuu.

1 Yaa Waaqayyo, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha;

2 yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi.

Gurri kees sagalee waammata koo

xiyyeeffatee haa dhagaʼu.

3 Yaa Waaqayyo, utuu ati cubbuu lakkooftee,

yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa?

4 Garuu dhiifamni si bira jira;

kanaaf ati ni sodaatamta.

5 Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti;

dubbii isaas nan abdadha.

6 Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa,

dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa

lubbuun koo Gooftaa eeggatti.

7 Yaa Israaʼel, ati Waaqayyoon abdadhu;

Waaqayyo bira jaalalli dhuma hin qabne,

furiin guutuunis ni jiraatii.

8 Inni mataan isaa cubbuu isaanii

hundumaa irraa Israaʼelin ni fura.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-