Publicidade

Salmos 6

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Baganaadhaan faarfatamu. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.

1 Yaa Waaqayyo aarii keetiin na hin hifatin;

yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.

2 Naa gameeraatii yaa Waaqayyo naaf araarami;

lafeen koos jeeqameeraatii yaa Waaqayyo na fayyisi.

3 Lubbuun koo akka malee jeeqameera;

kun hamma yoomiitti? Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti?

4 Yaa Waaqayyo, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi;

araara keetiif jedhiitii na fayyisi.

5 Namni duʼe si hin yaadatu.

Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata?

6 Ani aaduu kootiin bututeera.

Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa;

imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa.

7 Iji koo gaddaan fajajeera;

sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera.

8 Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa;

Waaqayyo sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii.

9 Waaqayyo waammata koo dhagaʼeera;

Waaqayyo kadhannaa koo ni fudhata.

10 Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan;

qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-