Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 88

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi kan maahilaati liinootiin88:0 Maahilaati liinootiin gosa muuziiqaa ti. Faarfatame. Maskiilii Heemaan Izraahichaa.

1 Yaa Waaqayyo, Waaqa na fayyiftu,

ani halkanii fi guyyaa fuula kee duratti nan iyyadha.

2 Kadhannaan koo fuula kee duratti haa dhiʼaatu;

atis gurra kee gara iyyannaa kootiitti qabi.

3 Lubbuun koo rakkinaan guutamteertii;

jireenyi koos awwaalatti dhiʼaateera.

4 Ani warra boolla keessa buʼanitti nan lakkaaʼame;

akka nama humna hin qabnees nan taʼe.

5 Ani akka nama gorraʼamee awwaala keessa ciisuutti,

akka nama ati deebitee hin yaadanneetti,

akka warra eegumsa kee jalaa baʼaniitti,

warra duʼan wajjin gatameera.

6 Ati boolla gad fagoo keessa,

dukkana hamaa keessas na buufteerta.

7 Dheekkamsi kee ulfaatee narra ciiseera;

dambalii kee hundas narra garagalchiteerta.

8 Michoota koo narraa fageessiteerta;

isaan biratti jibbamaa na gooteerta;

akka ani jalaa hin baanettis balballi natti cufameera.

9 Iji koo gaddaan dadhabeera.

Yaa Waaqayyo, ani guyyuma guyyaan sin waammadha;

harka koo illee gara keetti nan balʼifadha.

10 Ati dinqii kee warra duʼanitti ni argisiiftaa?

Warri duʼanis kaʼanii si galateeffatuu?

11 Jaalalli kee awwaala keessatti,

amanamummaan kee immoo Qilee keessatti ni labsamaa?

12 Dinqiiwwan kee dukkana keessatti,

yookaan qajeelummaan kee biyya irraanfannaa keessatti ni beekamaa?

13 Yaa Waaqayyo, ani garuu akka ati na gargaartuuf gara keetti nan iyyadha;

ganamaanis kadhannaan koo fuula kee duratti ni dhiʼaata.

14 Yaa Waaqayyo, ati maaliif na gatta?

Fuula kees maaliif na duraa dhokfatta?

15 Ani ijoollummaa kootii jalqabee rakkadhee duʼuu gaʼeen ture;

naasisuun kee na dhiphiseera; abdiis kutadheera.

16 Dheekkamsi kee narra yaaʼe;

naasisuun kees na balleesseera.

17 Isaan guyyaa guutuu akkuma lolaa bishaanii na marsu;

guutumaan guutuuttis na liqimsaniiru.

18 Michoota koo fi warra na jaallatan narraa fudhatteerta;

dukkana qofatu michuu naa taʼe.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.