Publicidade

Salmos 129

Faarfannaa ol baʼuu.

1 Israaʼel akkana haa jedhu;

"Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;

2 isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;

garuu na hin moʼanne.

3 Warri qootiisa qotan dugda koo qotan;

boʼoo isaaniis ni dheeressan.

4 Waaqayyo garuu qajeelaa dha;

funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera."

5 Warri Xiyoonin jibban hundinuu,

qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan.

6 Isaan akka marga bantii manaa irraa

kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan;

7 namichi haamu qabaa isaa guuttachuu,

yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.

8 Warri achiin darban, "Eebbi Waaqayyoo isiniif haa taʼu;

maqaa Waaqayyootiin isin eebbifna" isaaniin hin jedhin.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-