Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 81

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Asaaf Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu.

1 Waaqa jabina nuu taʼeef gammachuudhaan faarfadhaa;

Waaqa Yaaqoobiitiif gammachuudhaan ililchaa!

2 Faarfachuu jalqabaa; dibbees rukutaa;

baganaa fi kiraara sagalee gaarii qabu rukutaa.

3 Yeroo Baatiin dhalattu, yommuu jiʼi goobanutti,

guyyaa ayyaana keenyaa malakata afuufaa;

4 kun seera Israaʼeliif kenname,

ajaja Waaqa Yaaqoob.

5 Inni yeroo biyya Gibxi dhaʼuuf baʼetti,

waan kana Yoosefiif seera godhee dhaabe.

Anis afaan duraan hin beekin tokko dhagaʼe.

6 Innis akkana jedhe; "Ani gatiittii isaanii irraa baʼaa buuseera;

harki isaanis guuboo baachuu jalaa baʼe.

7 Ati dhiphina kee keessatti na waammatte; anis sin oolche;

anis lafa bakakkaan itti dhokatu keessaa deebii siifin kenne;

bishaan Mariibaa birattis sin qore.

8 "Yaa saba koo dhagaʼi; ani siin akeekkachiisa;

yaa Israaʼel ati utuu na dhaggeeffate!

9 Waaqni ormaa tokko iyyuu isin gidduu hin jiraatin;

ana malee waaqa biraa hin waaqeffatin.

10 Ani Waaqayyo Waaqa kee,

kan Gibxii baasee isin fidee dha.

Afaan kee balʼisii banadhu; ani nan guutaa.

11 "Sabni koo garuu na hin dhaggeeffanne;

Israaʼel anaaf hin bulle.

12 Kanaafuu ani akka isaan karaa fedhii isaanii deemaniif

dabarsee mata jabina isaaniitti isaan kenne.

13 "Utuu sabni koo na dhaggeeffatee,

utuu Israaʼel karaa koo irra deemee jiraatee,

14 ani silaa akkam dafee diinota isaanii jilbeenfachiisee

harka koos amajaajota isaaniitti nan kaasa ture!

15 Warri Waaqayyoon jibban fuula isaa duratti ni gugguufu;

adabbiin isaaniis bara baraan itti fufa.

16 Ani garuu qamadii qulqulluu isin soora;

damma kattaa keessaa baafames isinan quubsa."

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.