Chamada
A chamada de Deus é irrevogável. Ele nos chamou das trevas para a sua maravilhosa luz — para sermos santos, discípulos e instrumentos de sua graça no mundo.
Chamados por Deus
Fostes chamados para a liberdade. A chamada de Deus é dom irrevogável que nos convida à santidade e ao serviço.
Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa; "Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa" jedhamee barreeffameeraatii.
Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Al-Masiihiin akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii.
Hamaa, hamaadhaan hin deebisinaa; yookaan arrabsoo, arrabsoodhaan hin deebisinaa; qooda kanaa eebbisaa. Isinis akka eebba dhaaltaniif kanumaaf waamamtaniitii.
Allaahan sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Al-Masiihi Iisaatiin nuu kenname;
Inni isin waamu sun amanamaa dha; waan kanas ni godha.
Akkuma yeroo waamamtanitti gara abdii tokkootti waamamtan sana, dhagna tokkoo fi Hafuura tokkotu jira;
badhaasa Allaahan Al-Masiihi Iisaadhaan ol shamaayʼunitti itti na waame sana argachuuf gara kaayyoo sanaatti nan fiiga.
A resposta à chamada
Deus é fiel, pelo qual fostes chamados. Ele nos escolheu, nos capacitou e nos enviou com propósito eterno.
Allaahan gara tokkummaa Ilma isaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiitti isin waame sun amanamaa dha.
Allaahan waan jiru waan hin jirre gochuuf, waan addunyaa kana irratti gad aanaa fi tuffatamaa taʼe, waan iddoo hin qabnes filate; kunis akka eenyu iyyuu isa duratti of hin jajneef.
Allaahan warra isa jaallatanii akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii taʼuuf hojjetu ni beekna.
Innis akka isin ulfina Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii keessatti hirmaattaniif karaa injiila keenyaatiin kaayyoo kanaaf isin waame.
Phexrosis akkana jedhee deebise; "Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Iisaa Al-Masiihiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
Isinis akka dhaqxanii ija naqattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf anatu isin filatee isin muude malee isin na hin filanne. Kunis akka Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kennuuf.
"Ani warra na hin iyyaafatinitti nan mulʼadhe;
warri na hin barbaadinis na argatan.
Ani saba maqaa koo hin waammatiniin,
‘Ani asan jira; ani asan jira’ nan jedhe.