Publicidade

Compreensão

Por Bíblia Online

A verdadeira compreensão vem de Deus. Os caminhos do Senhor são mais altos que os nossos. Mas Ele nos convida a buscar entendimento — e promete iluminar quem o busca de coração.

A sabedoria de Deus

Os meus pensamentos não são os vossos pensamentos. A incompreensibilidade de Deus nos leva à humildade e adoração.

"Akkuma shamaayʼuniiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,

karaan koo karaa keessan irraa,

yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.

"Qiraacii qiraaciidhuma lafaa taʼee

Uumaa isaatiin wal loluuf wayyoo.

Supheen, suphee dhooftuudhaan,

‘Ati maal hojjechaa jirta?’ jedhaa?

Hojiin ati hojjettus,

‘Inni harka hin qabu’ siin jedhaa?

Ati hin beektuu?

Ati hin dhageenyee?

Rabbii Allaah bara baraa ti;

inni Uumaa handaara lafaa ti.

Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu;

hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.

Rabbii Allaahan guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf;

guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.

Utuu tulluuwwan hin dhalatin

yookaan utuu ati lafaa fi addunyaa hin uumin,

baraa baraa hamma bara baraatti ati Allaaha.

Fuula kee duratti waggaan kumni tokko,

akkuma guyyaa kaleessa darbee ti;

yookaan akkuma dabaree eegumsa halkanii tokkoo ti.

Badhaadhummaan ogummaatii fi

beekumsa Allaaha hammam gad fagaata!

Murtiin isaa qoramee bira hin gaʼamu!

Karaan isaas barbaadamee itti hin baʼamu!

Buscar entendimento

Clama a mim e responder-te-ei. A sabedoria é a coisa principal — busque o entendimento com todo o coração.

‘Ati gara kootti iyyadhu; anis deebii siifin kennaa; waan guddaa fi dhoksaa ati hin beekne sitti nan hima.’

Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu.

Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.

Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba;

kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.

Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira;

garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Rabbii Allaah ti.

Karaan namaa hundinuu ija ofii isaa duratti qajeelaa itti fakkaata;

Rabbii Allaahan garuu yaada namaa madaala.

Allaahan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii, Abbaan ulfinaa, akka isin guutummaatti isa beektaniif Hafuura ogummaa fi mulʼataa akka isinii kennu nan kadhadha.

Garuu ayyaanaa fi beekumsa Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Iisaa Al-Masiihiin guddadhaa.

Ammas, bara baraanis ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.

Iluminação divina

A entrada da tua Palavra dá luz e entendimento. Deus revela verdades ocultas e transforma nossa visão da realidade.

Ibsamuun dubbii keetii ifa kenna;

wallaalotaafis hubannaa kenna.

Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas;

ani ija koo jaalalaatiin sin ilaalaa; sin gorsa.

Ati akkuma daandii bubbee,

yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu hin beekne sana,

hojii Allaaha, Uumaa waan hundaa sana illee

beekuu hin dandeessu.

Iisaanis deebisee, "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Allaaha arguu hin dandaʼu" jedheen.

Iisaanis isaan ilaalee, "Kun namaaf hin dandaʼamu; Allaahaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama" jedhe.

Iisaanis taaʼee warra kudha lamaan waamee, "Namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu nama hundaa gadii fi tajaajilaa nama hundaa taʼuu qaba" jedheen.

Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Al-Masiihi Iisaatiin tokkumaatii. Erga kan Al-Masiihii taatanii yoos isin sanyii Ibraahim; akka waadaattis dhaaltota.

waan hunda qoraa. Isa gaarii jabeessaatii qabadhaa. Hammina gosa hundumaa irraa fagaadhaa.

Nu yoo fooniin jiraanne iyyuu akka yaada fooniitti hin lollu.

Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii.

Namni kam iyyuu yommuu qoramutti, "Allaahatu na qoraa jira" hin jedhin. Allaahan hamaadhaan hin qoramuutii; innis nama tokko illee hin qoru;

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-