Publicidade

Confiabilidade

Por Bíblia Online

A confiabilidade de Deus é absoluta. Ele é fiel em todas as suas promessas, constante em seu amor e seguro em seu caráter. Podemos confiar nele completamente.

Deus é fiel

O Senhor é fiel em todas as suas palavras e bondoso em todos os seus atos. Grande é a sua fidelidade!

Jaalalli Waaqaa ka bara baraa waan te’eef,

marartii isaa ta dhuma hin qanne irraa ta kaate

nuuti badiisa dhanne.

Jaalallii fi marartiin isaa barii mara haareya;

addatamummaan isaa guddo’o.

Mootiin Waan Maraa

worra isa waammatu maraaf,

worra dhuga’aan isa waammatu maraaf

dhikoo jira.

Mootii Waan Maraa,

ati yaada keeti mara

naaf hin muummessita;

ee Mootii Waan Maraa,

jaalalli keeti ka bara baraa ti;

hujii harka keetii ati hin lakkisin.

Jaalalli bara baraa

ka Mootii Waan Maraa ammoo

bara baraa haga bara baraatitti,

worra isa sodaatu woliin hin jiraata;

balchummaan isaalle

ijoollee ijoollee isaa woliin hin jiraatti.

Kunille worra gondooroo isaa eegatanuu fi

worra ajaja isaa muummessiisaaf qaabatanuuf te’a.

Ilti Mootii Waan Maraa ammoo worra isa sodaatu,

worra jaalala isaa ka bara baraatitti addatu ilaalti.

Mootiin Waan Maraa

muraa dhuga’aa waan jaalatuuf,

inni worra isaaf addatamu hin lakkisu.

Inni haga bara baraa nageyaan isaan eega;

sanyiin worra hamaaleyyi’ii ammoo hin baddi.

Goottaan ammoo addatama’a; inni isin jajjabeessee, waan hantuu irraa isin eega.

Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te’eef, akka hunna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa.

Tanaaf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa akka te’e beeki; inni Waaqa addatama’a; worra isa jaalatuu fi ajaja isaa eegatanuuf haga dhaloota kumaatitti gondooro’oo fi jaalala ifii ka bara baraa hin eega.

Mootiin Waan Maraa ifiifuu si’iin dura hin deema; si wolille’een hin jiraata; inni ijjumaa si hin lakkisu yookiin si hin gatu; hin sodaatin; addii hin kutatin» jedhe.

Caráter de Deus

Toda boa dádiva vem do alto. O Senhor é bom e sua misericórdia dura para sempre. Nele podemos descansar.

Arjummaa dansa’aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubbaaa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa.

Maganne’e, Mootiin Waan Maraa

dansaa waan te’eef,

jaalalli isaa ka haga bara baraa waan te’eef,

isa galateessa’a.

Ee Mootii Waan Maraa, ati dansa’a;

namaafille hin araaranta;

worra si waammatuuf,

jaalala keeti ka bara baraa hin baceessita.

Inni worra dheebote dheebuu baasa;

worra beelotelle waan dansa’aan quussa.

Ati guyyaa rakkinnaa gollaa kiyya,

addee ani itti baqadhulle waan teeteef,

marroo jabeenna keetiitii fi

marroo jaalala keeti ka bara baraa

ganama mara hin faarfadha.

Ba’aa teeti Mootii Waan Maraa irratti buufadhu;

inni si utuba;

inni worra balchoolee

ijjumaa akka raafamanu hin godhu.

Inni miilli keeti akka mucucaatu hin lakkisu;

ka si eegu hin mugu.

Integridade e confiança

Eu sou o Alfa e o Ômega — Deus é o mesmo ontem, hoje e sempre. Fiel em o que realizou e realizará por cada filho.

Waaqi Goottaan amma jiru, ka durille jiru, ka dhufu, ka waan duudii dande’u, «Alfa’aa fi Omeegaan Ana» jedha; [akkasi jechuun ani ka duraatii fi duubaati jechu’u].

Ee Waaqa, ati ammoo,

haga bara baraa mooti’i;

barcumaan mootummaa teetiille

dhalootaa haga dhalootaatitti jiraata.

Faaruu Leellisaa

Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa kiyya;

ani si hin jajadha; maqaa keetille hin leellifadha;

waan maade’ee ka dur yaadde

addatamumma’aan muummessiteerta.

Wonni nami barbaadu jaalala bara baraa ti;

dharaamessa te’iisaa mannaa,

hiyyeessa te’uu woyya.

Nami hamatu dhossaa eegee hin dande’u;

nami addatamaan ammoo dhossaa eega.

Worri qajeelaan komii dhabiisaan qajeelfaman;

worri hin addatanne ammoo

maltumma’aan badan.

Goottaan isaa, Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa’a; waan diqqo’oon addatanteerta, ani waan guddo’otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!jedheen.

Haga ammaa maqaa kiyyaan waan tokkolle hin gaafanne; gammadi keessan guutuu akka te’uuf, gaafadha’a hin fudhattan» isaaniin jedhe.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-