Confissão
A confissão é caminho de libertação e restauração. Quando confessamos nossos pecados, Deus é fiel e justo para nos perdoar e nos purificar de toda injustiça.
Confessar e receber perdão
Se confessarmos os nossos pecados, Ele é fiel e justo para nos perdoar. A confissão abre a porta da graça restauradora.
Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.
Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe;
balleessaa koos si hin dhokfanne.
Anis, "Irra daddarba koo, Rabbii Allaahatti nan himadha" nan jedhe;
atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.
Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti,
guyyaa guutuu aaduu kootiin,
lafeen koo ni bosose.
Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu;
kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.
nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras. Nu jalʼoota turre; fincilleerras; ajajaa fi seera kee irraa garagalleerra.
Inni yoo karaa kanneen keessaa tokkoon iyyuu yakka qabeessa taʼe karaa kamiin akka hojjete haa himatu;
Confissão como fé
Se com a boca confessares que Jesus é Senhor e creres, serás salvo. A confissão de fé é alicerce da vida cristã.
kunis yoo ati, "Iisaan Gooftaa dha" jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Allaahan warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.
Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.
sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Allaaha irraa citaniiruutii; isaanis ayyaana Allaaha isa furama karaa Al-Masiihi Iisaatiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.
Walʼaansoo amantii gaarii sana qabi. Jireenya bara baraa kan yeroo fuula dhuga baatota baayʼee duratti akka gaarii beeksiftetti itti waamamte sana jabeessii qabadhu.
Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Allaahatti deebiʼaa;
Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii duʼaa walii godhaa. Duʼaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.
Allaahatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.