Publicidade

Coração quebrantado

Por Bíblia Online

Deus está perto dos que têm o coração quebrantado. A Bíblia consola os aflitos: o sacrifício que Deus aceita é o espírito quebrantado e um coração contrito — jamais desprezará.

Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;

warra abdii kutatanis ni fayyisa.

Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha;

Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu.

Warra garaan cabe ni fayyisa;

madaa isaaniis walitti hodha.

Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu;

Waaqni garuu jabina garaa koo ti;

bara baraanis inni qooda koo.

Inni guddaanii fi ol ol jedhe,

kan bara baraan jiraatuu fi kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha:

"Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha;

hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf,

garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi

kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.

Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?

Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti"

jedha Waaqayyo.

"Ani garuu nama gad of qabuu fi

kan garaa isaa keessatti gaabbee

dubbii kootiin hollatuu nan ilaala.

Bara Tola Waaqayyoo

Sababii Waaqayyo akka ani

hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef,

Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira.

Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf,

akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa,

warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;

akka ani bara tola Waaqayyootii fi

guyyaa haaloo baʼuu Waaqa keenyaa labsuuf,

akka ani warra booʼan hunda jajjabeessuuf,

akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee,

qooda daaraa miidhagina,

qooda booʼichaa, zayitii gammachuu,

qooda abdii kutachuu immoo,

wayyaa galataa kennuuf na erge.

Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu Waaqayyo,

kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman.

"Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha;

mootummaan samii kan isaaniitii.

Warri gaddan eebbifamoo dha;

jajjabina ni argatuutii.

Warri garraamiin eebbifamoo dha;

lafa ni dhaaluutii.

Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼu qalbii jijjiirrannaa gara fayyinaatti nama geessu fida malee gaabbii hin fidu; gaddi akka fedhii addunyaatti taʼu garuu duʼa fida. Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼe kun tattaaffii akkamii, dandeettii falmachuu akkamii, dheekkamsa akkamii, sodaa akkamii, namaa yaaduu akkamii, hinaaffaa qajeelaa akkamii, murtii qajeelaa akkamii isin keessatti akka uume mee ilaalaa! Isin waan kana irratti karaa hundaan akka qulqulloota taatan mirkaneeffattaniirtu.

Inni garuu, "Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii" naan jedhe. Kanaafuu humni Kiristoos akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-