Publicidade

Dependência

Por Bíblia Online

A dependência de Deus é o caminho da verdadeira liberdade. Sem Cristo, nada podemos fazer. Mas em Deus encontramos sustento, direção e força para todo desafio.

Sem Ele nada podemos

Sem mim nada podeis fazer. O cristão que se desconecta da videira seca — mas o que permanece dá muito fruto.

"Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni yoo na keessa jiraate, anis yoon isa keessa jiraadhe inni ija baayʼee naqata; isin narraa gargar baatanii homaa gochuu hin dandeessaniitii.

Yaa Waaqi, ani kooluu sitti galeeraatii,

ati na eegi.

Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba.

Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.

Waaqayyo mana ijaaruu baannaan,

warri ijaaran akkasumaan dadhabu.

Waaqayyo magaalaa eeguu baannaan,

warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu.

Harka kee mirgaatiin, irree keetii fi ifa fuula keetiitiin dhaalan malee

isaan goraadee isaaniitiin lafa sana hin dhaalle;

yookaan irreen isaanii moʼannoo isaaniif hin fidne;

ati isaan jaallatteertaatii.

Waaqayyo isiniif lola; isin gab jedhaa."

Depender do Senhor

Confia no Senhor de todo o coração e não te estribes no teu próprio entendimento. Em todos os caminhos o reconhece.

Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu;

hubannaa kees hin abdatin;

karaa kee hunda keessatti isa dursi;

innis daandii kee siif qajeelcha.

Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata;

Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.

Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira;

garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti.

Eebbi Waaqayyoo nama sooromsa;

inni rakkina tokko illee itti hin dabalu.

Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu;

Waaqni garuu jabina garaa koo ti;

bara baraanis inni qooda koo.

Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu

iddoo keenyatti nu deebisi;

akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.

Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha;

gargaarsi koo eessaa dhufa?

Gargaarsi koo Waaqayyo

samii fi lafa uume biraa dhufa.

Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu;

kan si eegu hin mugu;

Yaa Waaqayyo yeroo ani, "Miilli koo mucucaateera" jedhetti,

araarri kee ol qabee na dhaabe.

Dhiphina koo keessatti ani Waaqayyotti nan iyyadhe;

innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise.

Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.

Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa;

gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa;

Contentamento e confiança

Aprendi a viver contente em toda situação. A dependência de Deus nos livra da ansiedade e nos firma na paz.

Ani waan waa dhabeef akkana jechaa hin jiru; haala kam iyyuu keessatti na gaʼa jechuu baradheeraatii.

Ani Waaqayyo Waaqni kee

harka kee mirgaa nan qabaatii;

inni, Hin sodaatin;

ani sin gargaaraasiin jedhus anuma.

Inni dadhabdootaaf jabina kenna;

nama laafaaf immoo humna dabala.

Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa.

Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.

Warri akka fooniitti jiraatan Waaqa gammachiisuu hin dandaʼan.

Kanaafuu waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; bor ofii isaatiif ni yaaddaʼaatii. Hamminni guyyaa sanaa mataan isaa guyyicha ni gaʼa.

"Garuu arjummaa akkasii gochuuf ani eenyu? Sabni koos eenyu? Wanni hundi si biraa dhufe; nu waanuma harka keetii dhufe sana qofa siif kennine.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-