Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 80

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo, "Daraaraa Kakuutiin" Faarfatame. Faarfannaa Asaaf.

1 Yaa tiksee saba Israaʼel,

kan akkuma bushaayeetti Yoosefin geggeessitu nu dhagaʼi;

ati kan kiirubeel gidduu teessoo irra teessu, ifiitii mulʼadhu.

2 Fuula Efreem, Beniyaamii fi Minaasee duratti

humna kee sochoosi; kottuutii nu fayyisi.

3 Yaa Waaqi, iddoo keenyatti nu deebisi;

akka fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.

4 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu,

ati hamma yoomiitti kadhannaa saba keetiitti aarta?

5 Ati buddeena imimmaanii isaan nyaachifte;

imimmaan waciitii guutuus isaan obaafte.

6 Ati akka olloonni keenya nu tuffatan goote;

diinonni keenyas nutti qoosu.

7 Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, iddoo keenyatti nu deebisi;

akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.

8 Ati muka wayinii biyya Gibxii buqqiftee fidde;

ormootas ariitee muka sana dhaabde.

9 Mukichaafis lafa qopheessite;

mukni sunis hidda gad fageeffatee biyyattii guute.

10 Tulluuwwan gaaddisa isaatiin,

birbirsawwan gurguddaanis dameewwan isaatiin haguugaman.

11 Innis dameewwan isaa gara Galaanaatti,

lata isaas hamma Lagaatti diriirfate.

12 Yoos ati maaliif akka namni achiin darbu hundinuu

ija isaa ciratu gochuuf jettee dallaa isaa diigde ree?

13 Kormi booyyee bosona keessaa baʼee isa ni balleessa;

bineensi dirrees isa ni nyaata.

14 Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, si kadhannaa gara keenyatti deebiʼi!

Samii irraa gad ilaalii argi!

Muka wayinii kana eegi;

15 mukni kun muka wayinii kan harki kee mirgaa dhaabee dha;

biqiltuu ati ofii keetiif guddifattee dha.

16 Wayiniin kee ciramee ibiddaan gubameera;

sabni kees dheekkamsa keetiin bada.

17 Harki kee namicha karaa harka kee mirgaa jiru irra,

ilma namaa kan ati ofii keetiif guddifatte irra haa boqotu.

18 Yoos nu sirraa hin garagallu;

jireenya nuu kenni; nus maqaa kee ni waammannaa.

19 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu

iddoo keenyatti nu deebisi;

akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.