Desejos
Os desejos revelam o que há no coração. A Bíblia nos ensina a purificar nossos desejos, submeter a carne ao espírito e buscar as coisas que são de cima.
Desejos da carne
A carne milita contra o espírito. O cristão é chamado a vigiar, resistir e não satisfazer os desejos da natureza pecaminosa.
Kanaafuu ani, "Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii" jedha.
Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa.
Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu.
Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa duʼaa godhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha."
Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’
Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti.
Ameen.
Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Ibliis diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii.
Wanni addunyaa keessa jiru hundinuu jechuunis hawwiin foonii, hawwiin ijaa, akkasumas waan qabaniin kooruun kan addunyaati malee kan Abbaa miti.
Addunyaa fi hawwiin ishee ni badu; namni fedhii Allaaha raawwatu garuu bara baraan jiraata.
Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqeffatamaa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha.
Purificar os desejos
Guarda o teu coração. Das profundezas do interior do homem saem os desejos — bons ou maus, conforme o coração.
"Ani ija koo wajjin kakuu galeera;
yoos ani akkamiin hawwiidhaan gara durbaa ilaala ree?
Namni ibidda cilee irra ejjetee
miilli isaa hin gubanne jiraa?
Inni guyyaa guutuu kajeela;
namni qajeelaan garuu utuu hin qusatin kenna.
Sooromni yommuu ati ija irra buufattutti ni bada;
inni dhugumaan Baallee baafatee
akkuma risaa gara shamaayʼuniitti ol barrisaatii.
Maallaqa jaallachuun hidda hammina gosa hundumaatii. Namoonni tokko tokko akka malee maallaqa jaallachuun amantii irraa badanii dhiphina baayʼeen of waraananiiru.
"Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;" kan faayidaa qabu garuu hunda isaa miti; "Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;" garuu wanti tokko iyyuu na hin moʼatu.
Garuu waan halalummaan jiruuf dhiirri hundi niitii ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis dhirsa ofii ishee haa qabaattu.
Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Allaahanis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.
Desejos santos
Como a corça deseja as correntes de água, minha alma suspira por ti, ó Deus. Os desejos do Espírito produzem vida e paz.
Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana,
yaa Allaah ko, lubbuun koo sitti gaggabdi.
Rabbii Allaah,
nu karaa seera keetii irra deemaa si eegganna,
maqaan keetii fi beekamuun kee
hawwii garaa keenyaa ti.
Kennaa kanaanis isin badiisa sababii hawwii hamaatiin addunyaa keessa jiru jalaa baatanii akka amala Allaah taʼuu isaa sana keessatti hirmaattaniif jedhee karaa kennaa kanaatiin waadaa isaa guddaa fi kan gatii guddaa qabu nuuf galeera.
Isin ni hawwitu; garuu hin argattan. Kanaaf ni ajjeeftu; ni hinaaftus. Garuu waan barbaaddan sana argachuu hin dandeessan. Kanaafis walitti buutu; wal loltus. Isin waan Allaah hin kadhanneef hin qabaattan.
Namni kam iyyuu yommuu qoramutti, "Allaahatu na qoraa jira" hin jedhin. Allaahan hamaadhaan hin qoramuutii; innis nama tokko illee hin qoru;
Egaa maal jenna ree? Seerri cubbuudhaa? Gonkumaa akkas miti! Garuu ani utuu seeraan taʼuu baatee cubbuun maal akka taʼe hin beeku ture. Utuu seerri "Hin hawwin" jechuu baatee ani silaa hawwiin maal akka taʼe dhugumaan hin beeku ture.
Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Allaahan ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.