Publicidade

Amós 1

1 Kun mulʼata Amoos inni tikseewwan Teqooʼaa keessaa tokko ture sun bara Uziyaan mootii Yihuudaa, Yerobiʼaam ilmi Yooʼaash immoo mootii Israaʼel turetti, utuu sochiin lafaa hin taʼin waggaa lama dura waaʼee Israaʼel argee dha.

2 Innis akkana jedhe:

"Rabbii Allaahan Xiyoon keessaa iyya;

Yerusaalem keessaa sagalee dhageessisa;

dirreen tiksoonni itti bobbaasan ni goga;

fiixeen gaara Qarmeloosis ni coollaga."

Murtii Olloota Israaʼelitti Murame

3 Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Ani cubbuu Damaasqoo sadiif,

afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.

Sababii isaan meeshaa ittiin midhaan dhaʼan

kan ilkaan sibiilaa qabuun Giliʼaadin tumaniif,

4 ani ibidda daʼannoo Ben-Hadaad

barbadeessu tokko, mana Hazaaʼeelitti nan erga.

5 Ani karra Damaasqoo nan cabsa;

mootii Sulula Aween keessa jiruu fi

isa Beet Eden keessatti bokkuu qabatu nan balleessa.

Uummanni Sooriyaa boojiʼamee Qiiritti ni geeffama"

jedha Rabbii Allaahan.

6 Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Ani cubbuu Gaazaa sadiif,

afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.

Sababii isheen hawaasa hunda boojitee

Edoomitti gurguratteef,

7 ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko

dallaa Gaazaatti nan erga.

8 Ani mootii Ashdoodii fi isa Ashqaloon keessatti

bokkuu qabatu sana nan balleessa.

Ani hamma hambaan Filisxeemotaa duʼuutti

harka koo Eqroonitti nan deebifadha"

jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.

9 Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Ani cubbuu Xiiroos sadiif,

afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.

Sababii isheen walii galtee obbolummaa cabsitee

hawaasa boojiʼame guutuu Edoomitti gurguratteef

10 ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko

dallaa Xiiroositti nan erga."

11 Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Ani cubbuu Edoom sadiif,

afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.

Sababii inni gara laafina hunda gatee

obboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeef,

sababii aariin isaa ittuma fufee hoʼee

dheekkamsi isaas utuu hin dhowwamin bobaʼeef,

12 ani ibidda daʼannoo Bozraa barbadeessu tokko

Teemaanitti nan erga."

13 Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Ani cubbuu Amoon sadiif,

afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.

Sababii inni daangaa isaa babalʼifachuuf jedhee

dubartoota Giliʼaad kanneen ulfa qaban baqaqseef

14 ani guyyaa lolaatti wacaan,

guyyaa qilleensa hamaatti immoo bubbee jabaadhaan

ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko

dallaa Rabbaatti nan erga.

15 Mootiin ishee boojiʼamee innii fi

qondaaltonni isaa wajjin ni boojiʼamu"

jedha Rabbii Allaahan.

Veja também

Publicidade
Amós
Ver todos os capítulos de Amós
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-