1 Isin yaa saawwan Baashaan kanneen Tulluu Samaariyaa irra jirtan,
yaa dubartoota, isin warri hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursitanii
dhirsoota keessaniin, "Dhugaatii nuuf fidaa!" jettan dubbii kana dhagaʼaa.
2 Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedhee qulqullummaa isaatiin kakateera:
"Yeroon isin itti hokkoodhaan,
isin keessaa namni dhumaa immoo qabduu qurxummiitiin
qabamu tokko dhugumaan ni dhufa.
3 Isin tokko tokkoon qajeeltanii
qaawwa dallaatiin ni baatu;
gara Harmoonittis ni darbatamtu"
jedha Rabbii Allaahan.
4 "Beetʼeel dhaqaatii cubbuu hojjedhaa;
Gilgaal dhaqaatii cubbuu baayʼee hojjedhaa.
Ganama ganama aarsaa keessan dhiʼeessaa;
waggaa sadii sadiitti immoo kennaa keessan harka kudhan keessaa harka tokko fidaa.
5 Buddeena raacitii qabu aarsaa galataa godhaatii gubaa;
aarsaa fedhiidhaan kennitan labsaa; beeksisaas;
yaa Israaʼeloota, wanni isin hojjechuu jaallattan kanaatii,
ittiin boonaa"
jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.
6 "Ani magaalaa hunda keessatti garaa duwwaa isiniif kenneera;
magaalaa hunda keessattis buddeena isin dhabsiiseera;
isin garuu gara kootti hin deebine"
jedha Rabbii Allaahan.
7 "Ani yeroo midhaan haamamuuf jiʼi sadii hafutti
bokkaa isin irraa nan kute.
Ani magaalaa tokkotti bokkaa ergee
kaan irraa immoo nan dhaabe.
Lafti qonnaa tokko bokkaa argatee
kaan garuu homaa dhabee goge.
8 Uummanni bishaan barbaacha magaalaadhaa gara magaalaatti joore;
garuu waan dhugaatiif isa gaʼu hin arganne;
taʼus isin gara kootti hin deebine"
jedha Rabbii Allaahan.
9 "Ani yeroo hedduu iddoo biqiltuutii fi
wayinii keessan waagii fi awwaaroodhaan dhaʼeen balleesse.
Hawwaannisni harbuu fi ejersa keessan barbadeesse;
taʼus isin gara kootti hin deebine"
jedha Rabbii Allaahan.
10 "Ani akkuman biyya Gibxi godhe sana
dhaʼicha isinitti nan erge.
Ani fardeen isin boojitan wajjin
dargaggoota keessan goraadeedhaan nan fixe.
Ajaa qubata keessaniitiin funyaan keessan nan guute;
isin garuu gara kootti hin deebine"
jedha Rabbii Allaahan.
11 "Ani akkuman Sodoomii fi Gomoraa garagalche sana
isin keessaa nama tokko tokko garagalcheera.
Isin akkuma muka bobaʼu kan ibidda keessaa butamee ti;
taʼus isin gara kootti hin deebine"
jedha Rabbii Allaahan.
12 "Kanaafuu yaa Israaʼel, ani akkanan isin godha;
sababii ani akkana isin godhuuf
yaa Israaʼel Allaah kee arguuf qophaaʼi."
13 Inni tulluuwwan tolchee
bubbee uumee yaada isaa namatti mulʼisu sun,
inni barii dukkaneessee
iddoowwan lafa ol kaʼoo irra ejjetu sun,
maqaan isaa Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandaʼuu dha.