1 Rabbii Allaahan Gooftaan waan kana natti argisiise: Inni erga qoodni mootichaa haamamee booddee, utuma midhaan lammaffaan gaʼaa jiruu tuuta hawwaannisaa qopheesse. 2 Anis erga hawwaannisni sun lafa barbadeessee booddee, "Rabbii Allaah Gooftaa, nuuf araarami! Yaaʼikuub akkamiin dandaʼee badiisa irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!" jedheen iyye.
3 Kanaafuu Rabbii Allaahan ni gaabbe.
Rabbii Allaahanis, "Wanni kun hin taʼu" jedhe.
4 Rabbii Allaahan Gooftaan waan kana natti argisiise; Rabbii Allaahan Gooftaan murtii kennuuf ibidda waamaa ture; ibiddi sunis tuujuba guddaa gogsee lafas ni barbadeesse. 5 Kana irratti ani, "Rabbii Allaah Gooftaa, ani sin kadhadhaa, waan kana nurraa dhaabi! Yaaʼikuub akkamiin waan kana irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!" jedheen iyye.
6 Kanaafuu Rabbii Allaahan ni gaabbe.
Rabbii Allaahan Gooftaan, "Wanni kunis hin taʼu" jedhe.
7 Inni waan kana na argisiise: Gooftaan tumbii harkatti qabatee dallaa tumbiidhaan ijaarame bira dhaabachaa ture. 8 Rabbii Allaahanis, "Amoos, ati maal arguutti jirta?" jedhee na gaafate.
Anis, "Tumbii nan arga" jedheen deebise.
Gooftaanis akkana naan jedhe; "Kunoo ani saba koo Israaʼel gidduu tumbii tokko nan kaaʼa; ani siʼachi isaan hin baraaru.
9 "Iddoowwan sagadaa Yisihaaq ni barbadaaʼu;
iddoon qulqulluun Israaʼelis ni ona;
ani goraadee kootiin mana Yerobiʼaamitti nan kaʼa."
10 Ergasii Amasiyaa lubni Beetʼeel akkana jedhee Yerobiʼaam mooticha Israaʼelitti ergaa tokko erge; "Amoos garaa Israaʼel keessatti sitti malateera. Dubbii isaa hunda lafti iyyuu baachuu hin dandeessu. 11 Amoos akkana jedheeraatii:
" ‘Yerobiʼaam goraadeedhaan duʼa;
Israaʼelis dhugumaan boojiʼamee
biyya isaatii ni fudhatama.’ "
12 Kana irratti Amasiyaan Amoosiin akkana jedhe; "Yaa ilaaltuu nana, sokki! Biyya Yihuudaatti deebiʼi. Achitti buddeena nyaadhu; raajiis dubbadhu. 13 Sababii inni iddoo qulqulluu mootichaatii fi mana qulqullummaa mootummaa taʼeef ati lammata Beetʼeel keessatti raajii hin dubbatin."
14 Amoos immoo akkana jedhee Amasiyaaf deebise; "Ani nabiiʼiyyii yookaan ilma nabiiʼiyyii miti; garuu ani tiksee fi eegduu muka harbuun ture. 15 Rabbii Allaahan garuu tika bushaayee keessaa na fuudhee, ‘Dhaqii saba koo Israaʼelitti raajii dubbadhu’ naan jedhe. 16 Egaa amma dubbii Rabbii Allaah dhagaʼi. Ati akkana jetta;
" ‘Ati Israaʼeliin mormuudhaan raajii hin dubbatin;
mana Yisihaaq mormuudhaan lallabuu dhiisi.’
17 "Kanaafuu Rabbii Allaahan akkana jedha:
" ‘Niitiin kee magaalaa keessatti sagaagaltuu taati;
ilmaan keetii fi intallan kee goraadeedhaan dhumu.
Biyyi kee safaramtee gargar qoodamti;
ati mataan kee iyyuu biyya ormaatti duuta.
Israaʼel dhugumaan boojiʼamee
biyya isaatii ni fuudhama.’ "