Publicidade

Amós 5

Faaruu Booʼichaatii fi Waamicha Qalbii Jijjiirrachuu

1 Yaa mana Israaʼel dubbii kana, faaruu booʼichaa kan ani waaʼee keessaniif booʼu kana dhagaʼaa:

2 "Durbi qulqullittiin Israaʼel kufteerti;

isheen lammata hin kaatu;

biyyuma ishee keessatti gatamtee

nama ol ishee qabu tokko illee dhabde."

3 Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:

"Magaalaa loltoota kuma tokko Israaʼeliif bobbaafteef

dhibba tokko qofatu hafa;

magaalaa loltoota dhibba tokko bobbaafteef

kudhan qofatu hafa."

4 Rabbii Allaahan mana Israaʼeliin akkana jedha:

"Na barbaaddadhaatii jiraadhaa;

5 Beetʼeelin hin barbaaddatinaa;

Gilgaal hin dhaqinaa;

Bersheebaattis hin ceʼinaa.

Gilgaal dhugumaan ni boojiʼamti;

Beetʼeelis ni dhabamti."

6 Rabbii Allaah barbaaddadhaatii jiraadhaa;

yoo kanaa achii inni akkuma ibiddaa mana Yuusuf keessa baʼee haxaaʼaa;

ibiddi sun ishee guba;

Beetʼeelis nama irraa dhaamsu tokko iyyuu hin qabaattu.

7 Isin warra murtii qajeelaa hadhaatti geeddartanii

qajeelummaas lafatti harcaaftanii dha.

8 Inni urjiiwwan Torbii fi urjiiwwan Sadee uume,

kan dukkana bariitti geeddaru,

inni guyyaa dukkaneessee halkan godhu,

kan galaana keessaa bishaan ol waamee

fuula lafa gogaa irratti dhangalaasu

maqaan isaa Rabbii Allaah dha.

9 Inni daʼoo jabaatti badiisa tasaa fida;

magaalaa dallaa jabaa qabdus ni barbadeessa.

10 Isaan nama karra irratti nama ifatu ni jibbu;

kan dhugaa dubbatus ni balfu.

11 Isin hiyyeeyyii dhidhiittanii

akka isaan midhaan isinii kennan dirqisiiftu.

Kanaafuu isin manneen dhagaa yoo ijaarrattan iyyuu

manneen sana keessa hin jiraattan;

isin iddoowwan qotiisaa gaarii keessa wayinii yoo dhaabbattan iyyuu

daadhii wayinii isaanii hin dhugdan.

12 Balleessaan keessan hammam akka baayʼatuu fi

cubbuun keessanis hammam guddaa akka taʼe nan beekaatii.

Isaan qajeeltota hacuucanii mattaʼaa irraa fudhatu;

hiyyeeyyiis mana murtii keessatti murtii qajeelaa dhowwatu.

13 Kanaafuu namni qalbeeffataan yeroo akkasiitti afaan qabata;

barri kun bara hamaadhaatii.

14 Akka lubbuudhaan jiraattaniif

waan hamaa dhiisaatii waan gaarii barbaadaa.

Yoos akkuma isin jettan sana

Rabbii Allaahan, Allaahan Waan Hunda Dandaʼu isin wajjin taʼa.

15 Waan hamaa jibbaa; waan gaarii jaalladhaa;

mana murtii keessatti murtii qajeelaa jabeessaa;

Rabbii Allaahan, Allaahan Waan Hunda Dandaʼu

tarii hambaa Yuusufiif garaa laafa taʼaatii.

16 Kanaafuu Gooftaan, Rabbii Allaahan, Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:

"Daandii hunda irra booʼicha,

oobdii uummataa hunda irra immoo iyya dhiphinaatu jira.

Qonnaan bultoonni akka booʼaniif,

warri booʼan immoo akka wawwaataniif ni waamamu.

17 Ani gidduu keessan waanan darbuuf

iddoo dhaabaa wayinii hunda keessaa booʼichatu taʼa"

jedha Rabbii Allaahan.

Guyyaa Rabbii Allaah

18 Isin warra guyyaa Rabbii Allaah

arguu hawwitaniif wayyoo!

Isin maaliif guyyaa Rabbii Allaah arguu hawwitu!

Guyyaan sun dukkana malee ifa hin taʼuutii.

19 Wanni kun akkuma nama leenca jalaa baʼee

afaan amaaketaa buʼu tokkoo ti;

yookaan akka nama mana isaa seenee

harka isaa keenyan manaa irra kaaʼatee

bofti isa idde tokkoo ti.

20 Guyyaan Rabbii Allaah ifa utuu hin taʼin dukkana miti?

Dukkana hamaa ifa tokko illee of keessaa hin qabne mitii?

21 "Ani ayyaana amantaa keessanii nan jibba; nan tuffadhas;

waldaa keessanittis hin gammadu.

22 Utuu isin aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii naaf fiddanii iyyuu

ani jaalladhee isin irraa hin fudhadhu.

Utuu isin aarsaa nagaa filatamaa naaf fiddanii iyyuu

ani homaattuu isa hin lakkaaʼu.

23 Waca faarfannaa keessanii asii balleessaa!

Ani muuziiqaa baganaa keessanii hin dhaggeeffadhu.

24 Garuu murtiin qajeelaan akkuma lagaa,

qajeelummaanis akkuma burqaa hin gognee haa yaaʼu!

25 "Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama

gammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?

26 Isin waan harkuma keessaniin tolfattan

jechuunis galma waaqeffannaa mootii keessanii,

utubaa waaqeffatamaa keessan tolfamaatii fi

fakkii urjii waaqeffatamaa keessan tolfamaa ol fuutaniirtu.

27 Kanaafuu ani akka isin boojiʼamtaniif,

Damaasqoodhaan gamatti isinan erga"

jedha Rabbii Allaahan inni maqaan isaa Allaah Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun.

Veja também

Publicidade
Amós
Ver todos os capítulos de Amós
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-