Publicidade

Amós 3

Dhuga baatota Israaʼelitti Dhugaa Baʼan

1 Yaa saba Israaʼel, dubbii Rabbii Allaahan isiniin mormuudhaan, maatii ani biyya Gibxii baasee fide hundaan mormuudhaan dubbate kana dhagaʼaa:

2 "Ani maatiiwwan lafa irra jiraatan

hunda keessaa isin qofa filadheera;

kanaafuu ani cubbuu keessan

hundaaf isinan adaba."

3 Yoo walii galan malee

namoonni lama wajjin ni deemuu?

4 Leenci tokko yoo waan adamsu hin argatin

bosona keessaa ni aadaa?

Inni yoo waa qabate malee

holqa isaa keessaa ni aadaa?

5 Simbirri tokko lafa kiyyoon hin kaaʼaminitti

kiyyoo keessa ni seentii?

Kiyyoon tokko yoo wanni qabamu hin jirre

akkasumatti lafaa ni utaalaa?

6 Yoo magaalaa keessatti malakanni afuufame,

namoonni hin raafamanii?

Balaan magaalaa tokkotti yoo dhufe,

Rabbii Allaahatu waan sana fide mitii?

7 Dhugumaan Rabbii Allaahan Gooftaan

utuu tajaajiltoota isaa nabiiʼiyyootatti hin mulʼisin

waan tokko illee hin hojjetu.

8 Leenci aadeera;

eenyutu hin sodaanne ree?

Rabbii Allaahan Gooftaan dubbateera;

yoos eenyutu raajii hin dubbanne ree?

9 Daʼannoo Ashdoodiitii fi

daʼannoo Gibxitti akkana jedhaa labsaa:

"Tulluuwwan Samaariyaa irratti walitti qabamaa;

jeequmsa guddaa ishee keessa jiruu fi

cunqursaa uummata ishee keessa jiru ilaalaa."

10 "Warri daʼannoo isaanii keessatti waan boojiʼamee fi waan saamame kuufatan

akka itti waan qajeelaa hojjetan hin beekan"

jedha Rabbii Allaahan.

11 Kanaafuu Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:

"Diinni biyya keessan marsa;

jabina keessan gad buusa;

daʼannoowwan keessanis ni saama."

12 Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Akkuma tikseen tokko lafee miilla lamaanii

yookaan fiixee gurraa qofa afaan leencaatii buusu sana,

Israaʼeloonni Samaariyaa keessa, qarqara siree isaanii irra,

Damaasqoo keessas siree isaanii dinkii irra taaʼan

akkasuma ni baraaramu."

13 "Waan kana dhagaʼaatii mana Yaaʼikuubitti dhugaa baʼaa" jedha Gooftaan, Rabbii Allaahan, Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

14 "Guyyaa ani cubbuu isheetiif jedhee Israaʼelin adabutti,

iddoowwan aarsaa Beetʼeel nan barbadeessa;

gaanfawwan iddoo aarsaas caccabanii

lafatti ni harcaʼu.

15 Ani mana gannaatii fi

mana bonaa nan diiga;

manneen ilka arbaatiin miidhagfaman ni diigamu;

manneen gurguddaanis ni balleeffamu"

jedha Rabbii Allaahan.

Veja também

Publicidade
Amós
Ver todos os capítulos de Amós
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-