Publicidade

Deus é nosso refúgio

Por Bíblia Online

Deus é nosso refúgio e fortaleza, socorro bem presente nas angústias. Quando o mundo treme, o crente encontra paz sob as asas do Altíssimo.

Refúgio e fortaleza

Deus é nosso refúgio e fortaleza. Quem habita no abrigo do Altíssimo descansa à sombra do Todo-Poderoso.

Waaqi Nu Woliin Jira
Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif, ta qoonqoo durraatiin faarfatane.

Waaqi addee itti baqannu;

inni hunna teenna;

yennaa rakko’oo inni guddoo nu qarqaara.

Eegunsa Waaqaa Jala Jiraachuu

Nami gollaa Waaqa Ol Aana’aa jala le’u,

ka gaaddisa Waaqa Waan Mara Dande’uu jalatti foorfatu,

Mootii Waan Maraatiin, «Ati addee ani itti baqadhu, kushee tiyya,

Waaqa kiyya ka ani itti addadhu» hin jedha.

Waaqi tiyyoo nami si’iif afee fi

dhukkuba hamaa jalaa si hin baasa.

Inni koola ifiitiin si golla;

baala isaa jalatti baqatta;

addatamummaan isaa wonte’ee fi

kushee si’iif hin te’a.

Faaruu Injifanno’oo
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu garbichi Mootii Waan Maraa Daawiti yennaa Mootiin Waan Maraa harka Saa’oliitii fi diinota isaa mara jalaa isa baase Mootii Waan Maraatiif faarfate.

Ee Mootii Waan Maraa, ati jabeenna kiyya;

ani si jaaladha.

Mootiin Waan Maraa rassaa kiyya,

waan itti golladhu;

ka na baasulle’e.

Waaqi kiyya rassaa kiyya ka ani itti baqadhu;

inni wontee tiyya;

ka akka gaafaa woy na irraa dhooggu;

inni waan ani itti golladhu.

Ani Mootii Waan Maraa leellifamaa

hin waammadha;

innille diinota kiyya jalaa na hin baasa.

Waaqatti Addii Godhatiisaaf Daadimata Dhikaate
Faaruu Daawitii.

Ee Waaqa, ani sitti waan baqadhuuf,

ati na eegi.

Daadimata Waaqatti Addatiisaa
Faaruu Daawitii.

Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya;

ani eennu sodaadha ree?

Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti;

eentu na sodaachisa ree?

Worri hamaaleyyiin foon kiyya nyaatiisaaf

yennaa natti dhufanu,

diinoti kiyyaa fi nyaapholeen tiyya

yennaa na lolanu,

isaanuu gufatanee hin jigan.

Loltooti duudiin na marsanulle,

ani hin sodaadhu;

lolli yoo natti ka’elle,

ani Mootuma Waan Maraa addadha.

Daadimata Waaqatti Adddatiisaa
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

Ee Mootii Waan Maraa,

ani sitti baqadheera;

ani ijjumaa hin fokkifatin;

balchummaa teetiin na baasi.

Gurra keeti gara kiyya deebifadhu;

ariifadhuu na baasi.

Rassaa ani itti baqadhu,

na baasiisaaf, kushee jadduu naaf te’i.

Ati rassaa kiyyaa fi kushee tiyya;

maqaa keetiif jedhii na sooressi;

naan duralle deemi.

Ati addee ani itti baqadhu waan teeteef,

tiyyoo diinoti naaf afane jalaa na baasi.

Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa addatama’a,

ati na wodatteerta;

anille lubbuu tiyya harka keetitti kennadha.

Ati rassaa kiyya ka ani itti baqadhu,

ka ani yennaa mara itti dhokadhu naa te’i;

ati rassaa kiyyaa fi

kushee jadduu tiyya waan teeteef,

na hamburiisaaf, ajaja baatteerta.

Proteção e segurança

O Senhor é a minha rocha e a minha fortaleza. Melhor é confiar no Senhor do que confiar no homem.

Namatti addatiisaa mannaa,

gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.

Qondaaltotatti addatiisaa mannaa,

gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.

Lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eeggatti;

addiin tiyya isa irraa naa dhutti.

Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya;

inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu.

Fayyinnii fi ulfinni kiyya Waaqa irraa dhufe;

inni rassaa jabaa kiyya; addee ani itti baqadhulle’e.

Ee kolba’a, yennaa mara Waaqatti addadha’a;

Waaqi ka itti baqannu waan te’eef,

yaada gadhaa keessanii mara itti himadha’a.

Ee Waaqa, ati gollaa kiyya,

Waaqa na jaalatu,

ee jabeenna kiyya,

faaruu leellisaa sii dhikeessa.

Waaqi Dande’aa Bara Baraa Akka Te’e
Daadimata Muusee Nama Waaqaa

Ee Gootta’a, ati dhalootaa haga dhalootaatitti,

addee itti baqannu nuuf teeteerta.

Gaarri adoo hin dadamin dura,

yookiin ati lafaa fi biyya lafaa adoo hin dadin dura,

baraa haga bara baraatitti ati Waaqa.

Mootiin Waan Maraa worra cunqurfameef,

addee itti baqatanu;

yennaa rakko’oo dalleya jaba’a.

Ee Mootii Waan Maraa,

ati worra si barbaadu waan hin lakkinneef,

worri maqaa keeti beeku sitti addata.

Ee Waaqa, jaalalli keeti ka bara baraa

attam attam ka gatii guddoo qabu!

Kolbaan marti gaaddisa koola keetii jalatti baqatti.

Em todo tempo

O Senhor é bom e é fortaleza no dia da angústia. A torre forte do nome do Senhor protege os seus em toda circunstância.

Waaqi dansa’a;

yennaa rakkinnaa addee itti baqatanu.

Inni worra itti baqatu rakkinna irraa hin dhoogga;

Ati hiyyeessaaf addee itti baqatu,

rakkata’aaf yennaa rakkinnaa addee itti baqatu,

yennaa bokkeya bubbe’ee addee jalatti qophatanu,

yennaa o’a adu’uulle gaaddisa teeteertaaf.

Wonni afaan worra gadhaa jabaatuu keessaa bayu,

akka bokkeya bubbe’ee

ka dhaaba manaa dhowuutii fi

Nami Mootii Waan Maraa sodaatu

kushee jadduu qaba;

ijoollee isaatiifille addee itti baqattu hin teeti.

Karaan Mootii Waan Maraa

worra balcha’aaf gollaa jaddu’u;

worra hantuu hujuuf ammoo badi’i.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-