Dificuldades
As dificuldades são parte da vida, mas Deus é refúgio certo em todo tempo de angústia. A Bíblia promete que nenhuma adversidade pode separar os filhos de Deus do seu amor.
Deus é refúgio
Deus é nosso refúgio e fortaleza, socorro bem presente nas angústias. Nada poderá nos separar do amor de Cristo.
Waaqi addee itti baqannu;
inni hunna teenna;
yennaa rakko’oo inni guddoo nu qarqaara.
Tanaaf latti yoo tachoote,
gaarri gara qilee abbaaya’aa yoo bu’e,
bisaan yoo shookkisee hoomachowe,
raafamiisa isaatiin
gaaroti yoo hollatanelle nuuti hin sodaannu.
Mootii Waan Maraatiin, «Ati addee ani itti baqadhu, kushee tiyya,
Waaqa kiyya ka ani itti addadhu» hin jedha.
Ee kolba’a, yennaa mara Waaqatti addadha’a;
Waaqi ka itti baqannu waan te’eef,
yaada gadhaa keessanii mara itti himadha’a.
Mootiin Waan Maraa worra cunqurfameef,
addee itti baqatanu;
yennaa rakko’oo dalleya jaba’a.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati worra si barbaadu waan hin lakkinneef,
worri maqaa keeti beeku sitti addata.
Ati bulpheessa abbaaya’aa irratti baallii qadda;
danbaliin isi’ii yennaa kaatulle, hin sarmisiitta.
Shookkisiisa bisaan jabaa heddu’uu caalaa,
danbalii abbaaya’aa hunnaamettii caalaa,
Mootiin Waan Maraa ka ol-gubbaa jiru hunnaamessa.
Inni hobonbolattii sarmisiisee,
danbaliille cadhi godhe.
Eentu jaalala Kiristoosii irraa gargar nu baasa ree? Rakko’oo moo farra? Miidha’a moo beela? Daara moo bala’a? Yookiin du’aa ree? Tun tama Barreeffam Woyyichi,
«Si’iif jennee guyyuma guyya’aan ijjeefanna;
akka hoolee qalantuutitti laakkowanneerra» jedhu.
Garuu womaa moti; waan kana mara keessatti karaa ka nu jaalateetiin injifattoota caalleerra. Du’alle te’ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te’ee bulchitooti ol-gubba’aa, wonna amma jirulle te’ee wonni dhufu’uuf jiru, hunnootalle yoo te’e, wonna gubbaa jirulle te’ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te’e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande’ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.
Provisão nas dificuldades
O Senhor provê mesmo nos tempos mais difíceis. Ele sustentou Elias, protegeu Israel e cuida dos seus com fidelidade eterna.
Waaqi karaa Eliyaasiitiin akkuma waadaa gale, bullaan okkotee keessaa, zayitiin ejersaalle okkotee keessaa hin dhumanne.
Mootiin Waan Maraa
akka golla’aa duumensa diriirsee,
halkan ifa akka isaanii kennu
ibidda isaaniif qopheesse.
Isaan gaafannaan inni barbadi-kille isaaniif fide;
ol-gubbaa irraa sagalee isaanii kennee isaan quusse.
Inni rassaa dhoosee, bisaan keessaa lola’ee,
akka lagaa goomolee keessa yaa’e.
Ani dur dargageessa; amma dulloomeera;
ani Mootiin Waan Maraa nama balchaa gateeruun,
yookiin ijoolleen isaa sagalee kadhattuun
ijjumaa dhaggee hin beeku.
Mootiin Waan Maraa
worra komii hin qanne guyyuma guyya’aan eega;
kennansi inni isaanii kenne
haga bara baraa hin badu.
Isaan yennaa hantuu keessalle hin salphatanu;
bara beelaalle hin quufan.
«Ani lafa dheebisaa irratti bisaan baasee,
lafa godduu irralle lagi akka lola’u hin godha;
Ani sanyii teeti irratti Ayyaana kiyya,
ijoollee ijoollee teeti irralle’etti
eebba kiyya hin dhangalaasa.
Ati hiyyeessaaf addee itti baqatu,
rakkata’aaf yennaa rakkinnaa addee itti baqatu,
yennaa bokkeya bubbe’ee addee jalatti qophatanu,
yennaa o’a adu’uulle gaaddisa teeteertaaf.
Wonni afaan worra gadhaa jabaatuu keessaa bayu,
akka bokkeya bubbe’ee
ka dhaaba manaa dhowuutii fi
Gonboobi sun yennaa o’a adu’uu, gaaddisaa fi waan jalatti qophatanu, yennaa bubbe’eetii fi bokkeyaa addee itti baqatanuu fi addee itti dhokatanu hin te’a.
Yennaa ati bisaan keessa dabartu
ani si woliin hin jiraadha;
yennaa ati laga gamatti buutu
bisaan si hin fudhatu;
ibidda keessa yennaa ideentu hin gubattu;
bobeenni ibiddaalle si hin gubu.
Força nas provas
Em tudo somos atribulados, mas não esmagados. O Senhor é bom e é fortaleza no dia da angústia — Ele conhce os seus.
Karaa maraan hin rakkanna, ammoo hin injifatannu; yennaa hedduu waan goonu hin wollaalla, ammoo addii hin kutannu. Miidhaan nu’u irra hin geya, ammoo jaalota dhannee hin beennu; dhowannee hin jinna, ammoo hin duunu.
Waaqi dansa’a;
yennaa rakkinnaa addee itti baqatanu.
Inni worra itti baqatu rakkinna irraa hin dhoogga;
Waaqi duumensa keessatti bisaan kipha;
duumensille ulfaatiisa bisaaniitiin hin tarsa’u.
Inni barcumaa mootummaa ifii
duumensa ifii diriirsee hin golla.
Waaqi ifaa fi dukkana gargar baasiisaaf,
bisaan irratti naannessee meessaa godheera.
Waaqi arraba hamaa irraa si hin eega;
yoo badiin sitti dhuttelle hin sodaattu.
Yesuus deebisee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo’oo, maaf sodaattan?» jedheen. Achiin duuba inni ol ka’ee bubbe’ee fi danbalii ajajee, achitti cadheessi guddaan te’e.
Isaan baaseffatanee, «Kun nama attamii ti? Bubbe’ee fi danbaliille hin ajajamaniif!» jedhane.
Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas uffise, isin fa’a attam caalchisee uffisuu dhaba ree? Isin worra dhugeeffannaa diqqo’oo!
«Maarre, ‹Maan nyaanna?› yookiin ‹Maan unna?› yookiin ‹Maan uffanna?› jedhaa hin yaaddayina’a;
Dubartittiille, gara addee Waaqi akka isiin guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin leetu dhaggattuuf qopheessee, gara lafa goomole’ee baqatte.
Ani akka isin dhudhuufa’aa fi makka irra ideentanu, hunna diinotaa maralle akka injifattanu baallii isiniif kenneera; womaa isin hin miidhu.