Dinheiro
O dinheiro é ferramenta que pode ser usada para o bem ou para o mal. A Bíblia nos ensina a administrar recursos com sabedoria, generosidade e temor ao Senhor.
Perspectiva bíblica
Guardai-vos da avareza. A vida não consiste na abundância de bens. O dinheiro é servo, nunca senhor.
Innis, "Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii" jedheen.
Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.
"Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen.
Sooromni yommuu ati ija irra buufattutti ni bada;
inni dhugumaan Baallee baafatee
akkuma risaa gara shamaayʼuniitti ol barrisaatii.
Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin;
of qabuufis ogummaa qabaadhu.
Nama maallaqa jaalatu kam iyyuu maallaqni isa hin gaʼu;
nama qabeenya jaalatu illee galiin isaa isa hin quubsu.
Kunis faayidaa hin qabu.
Administrar com sabedoria
Honra ao Senhor com as tuas primícias. O sábio administra seus recursos com prudência e visão de eternidade.
Qabeenya keetiin,
mataa midhaan keetii hundaanis Rabbii Allaah kabaji;
Eebbi Rabbii Allaah nama sooromsa;
inni rakkina tokko illee itti hin dabalu.
Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu;
qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada;
namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata.
Ogummaa argachuun warqee caala;
hubannaa argachuunis meetii caala!
Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha;
kabajamuunis meetii fi warqee caala.
Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa,
Rabbii Allaah sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya.
Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha;
sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.
Gowwoomsaa fi soba narraa fageessi;
hiyyummaa yookaan sooruma naaf hin kennin;
garuu buddeena koo guyyaa guyyaan naaf kenni.
Perigos e armadilhas
Quem quer enriquecer cai em tentação. Fuja do amor ao dinheiro e busque contentamento no Senhor.
Warri sooromuu barbaadan garuu qorumsaa fi kiyyoo, hawwii gowwummaa fi miidhaa baayʼee fidu kan diigamaa fi badiisatti nama dhidhimsu keessatti kufu.
Ati akka sooreyyiin addunyaa kanaa of tuuluu yookaan qabeenya badu abdachuu dhiisanii Allaah akka nu itti gammannuuf jedhee waan hunda baayʼisee nuu kennu sana abdataniif isaan ajaji.
Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Allaahan,
"Ani gonkumaa si hin dhiisu;
gonkumaas si hin gatu"
jedheeraatii.
Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu;
qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;
isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.
Tudo vem de Deus
De ti vem tudo, e das tuas mãos to damos. Os tributos são devidos — dai a César o que é de César e a Deus o que é de Deus.
"Garuu arjummaa akkasii gochuuf ani eenyu? Sabni koos eenyu? Wanni hundi si biraa dhufe; nu waanuma harka keetii dhufe sana qofa siif kennine.
Waan nama hundaaf kennuun isin irra jiru kennaa; yoo qaraxa taʼe qaraxa, yoo gibira taʼe immoo gibira baasaa; yoo sodaachuu taʼe sodaadhaa; yoo ulfina kennuu taʼes, ulfina kennaa.
Isinis kanumaaf qaraxa baaftu; abbootiin taayitaa tajaajiltoota Allaaha warra yeroo isaanii guutuu hojii bulchiinsaatiif kennaniidhaatii.
Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra,
waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya;
humni hamootaa ni cabaatii;
Rabbii Allaahan garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba.
Akkuma namni tokko badhaadhummaa guddaatti gammadu,
ani ajaja kee faana buʼuutti nan gammada.