Dívidas
As dívidas podem escravizar, mas a Bíblia nos ensina princípios de sabedoria financeira: não se endividar imprudentemente, pagar o que se deve e confiar em Deus como provedor.
O devedor é servo do credor
O rico domina sobre o pobre, e o que toma emprestado é servo do que empresta. A Bíblia convida à liberdade financeira.
Dureessi hiyyeessa bulcha;
ka liqeeffatulle ka liqeessuuf tajaajila’a.
Worra wonni dansaan malteef,
waan dansaa godhiisaaf adoo dandeettuu,
waan dansaan godhiisa hin lakkisin.
Karri ariiti’iin dhaggatane ariifattee baddi;
ka diqqeessee diqqeessee
kuufate ammoo itti ede’ata.
Yesuus itti dabalee, «Nami tokko garbicha goottolee lamaa te’iisaaf hin dande’u; tokkocha hin jibba, kaan hin jaalata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beese’eef tajaajiluu hin dande’u» jedhe.
Princípios financeiros
Pagai a todos o que lhes é devido. Deus promete que o justo não será desamparado e que a bênção virá sobre os obedientes.
Waan isaan isin irraa dhaggachu’uuf malane, kenna’aaf; ka gibirri maleef gibira, ka qaraxi maleef qaraxa, ka sodaan malteef sodaa, ka ulfinni maleef ulfinna kenna’a.
Beenyaa eennuulle hin qabaatina’a; beenyaan isin qabaatuu qaddanu wol jaalatiisa qofa te’uu ti; nami nama jaalatu Seera muummesseera.
Nami hamaan liqaa hin deebisu;
nami balchaan ammoo arjumma’aan kenna.
«Isin keessaa nami mana dhaka’aa ijaaruu barbaadu, duraan dursee beesee ittiin ijaaree fixu akka qabu beekiisaaf, tee’ee ka gatii hin herrenne eennu?
Nama si kadhatu maraaf kenni, nami tokko yoo waan keeti fudhate, akka inni si’iif deebisu hin gaafatin.
Akkuma nuuti worra nu yakkuuf araarannu,
yakkaa teenna nuu araarami.
Contentamento
Seja o vosso viver sem ganância, contentando-vos com o que tendes. O Senhor é suficiente — não nos desamparará.
Jaalala beese’ee irraa if qusadha’a; wonni isin qaddanu isin gewuu ti. Waaqi, «Ani ijjumaa si hin lakkisu, ijjumaa si hin gatu» jedheera.
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma waadaa sii gale waan si eebbisuuf, ati gosa biyya adda addaa heddu’uuf hin liqeessita malee, eennu irralle’ee hin liqeeffattu. Ati gosa biyya adda addaa hedduu hin bulchita malee, eennulle si hin bulchu.