Pular para o conteúdo
Publicidade

Esperança

Por Bíblia Online

A esperança cristã não é desejo vago — é certeza inabalável fundamentada nas promessas de Deus. Ela é âncora da alma, firme e segura, que penetra até o interior do véu.

Esperança viva

Bendito seja Deus que nos gerou de novo para uma esperança viva, mediante a ressurreição de Jesus Cristo.

Abdii Jiraataadhaaf Waaqa Galateeffachuu

Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche;

Abdii Jiraataadhaaf Waaqa Galateeffachuu

Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche;

Garuu garaa keessan keessatti Kiristoos Gooftichaaf ulfina guddaa kennaa. Nama sababii abdii isin qabdan sanaa isin gaafatu kamiif iyyuu deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa. Waan kana immoo garraamummaa fi sodaan godhaa;

Garuu garaa keessan keessatti Kiristoos Gooftichaaf ulfina guddaa kennaa. Nama sababii abdii isin qabdan sanaa isin gaafatu kamiif iyyuu deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa. Waan kana immoo garraamummaa fi sodaan godhaa;

Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.

Esperança que não decepciona

A esperança não decepciona, pois o amor de Deus é derramado em nossos corações pelo Espírito Santo.

Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.

Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.

Nagaa fi Gammachuu

Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa wajjin nagaa qabna. Ayyaana amma jabaannee ittiin dhaabannu kanattis karaa isaatiin amantiin galuuf carraa arganneerra. Abdii ulfina Waaqaattis ni gammanna.

Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii; obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida.

Nu abdii kanaan fayyineetii. Abdiin argamu garuu abdii miti; namni waan amma iyyuu qabu abdatu eenyu ree? Nu yoo waan amma hin qabne abdanne garuu obsaan eegganna.

Nu yoo waan amma hin qabne abdanne garuu obsaan eegganna.

Abdiidhaan gammadaa; dhiphina obsaa; kadhannaatti cimaa.

Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.

Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.

A fé é a certeza

A fé é a certeza do que se espera. Mantenhamos firme a confissão da esperança, pois fiel é o que prometeu.

Hojii Amantiin Hojjetu

Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha.

Hojii Amantiin Hojjetu

Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha.

Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.

Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.

Akkuma yeroo waamamtanitti gara abdii tokkootti waamamtan sana, dhagna tokkoo fi Hafuura tokkotu jira;

Abdiin inni itti isin waame maal akka taʼe, badhaadhummaan dhaala qulqullootaa ulfina qabeessi maal akka taʼe akka beektaniif iji qalbii keessanii akka isinii banamu Waaqa nan kadhadha;

Waaqni badhaadhummaan ulfina icciitii kanaa hammam guddaa akka taʼe Namoota Ormaa gidduutti qulqulloota isaatti beeksisuu filateera; icciitiin kunis Kiristoos, abdii ulfinaa isa isin keessa jiruu dha.

amantii isin Kiristoos Yesuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdan sana dhageenyeerraatii; kunis sababii abdii samii keessatti isinii kuufame sanaatiif; isin waaʼee abdii kanaa duraanuu dubbii dhugaa, wangeela keessatti dhageessaniirtu;

Esperança e confiança

Eu sei os planos que tenho para vocês — planos de paz e esperança. Deus é a fonte de toda esperança.

Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Waaqayyo.

Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Waaqayyo.

Warri Waaqayyoon abdattan hundinuu jabaadhaa;

garaan keessan hin sodaatin.

Warri Waaqayyoon abdattan hundinuu jabaadhaa;

garaan keessan hin sodaatin.

Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?

Na keessattis maaliif raafamta?

Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu;

ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;

Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?

Na keessattis maaliif raafamta?

Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu;

ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;

Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

Ati iddoo ani itti baqadhuu fi gaachana koo ti;

ani dubbii kee abdadheera.

Ati iddoo ani itti baqadhuu fi gaachana koo ti;

ani dubbii kee abdadheera.

Lubbuun koo fayyisuu kee hawwuudhaan gaggabdi;

ani garuu dubbii kee nan abdadha.

Namni gargaarsi isaa Waaqa Yaaqoob taʼe, kan abdiin isaas

Waaqayyo Waaqa isaa taʼe eebbifamaa dha.

Yaa Waaqa koo ani sin amanadha.

Ati na hin qaanessin;

akka diinonni koo na moʼatanis hin godhin.

Namni si eeggatu tokko iyyuu

yoom iyyuu hin qaaneffamu;

warri sababii malee yakka hojjetan

garuu ni qaaneffamu.

Esperança eterna

Somos salvos na esperança. Aquele que prometeu é fiel. A esperança está guardada nos céus para os que creem.

kunis akka nu ayyaana isaatiin qajeeltota taasifamnee abdii jireenya bara baraa qabaachuun dhaaltota taanuuf.

Sababii abdii keenya Waaqa jiraataa isa Fayyisaa nama hundaa keessumattuu kan warra isatti amananii taʼe sana irra kaaʼanneef nuus kanaaf jennee ni dadhabna; ni tattaaffannas.

kan hin duune isa qofa; innis ifa namni tokko iyyuu itti dhiʼaachuu hin dandeenye keessa jiraata; eenyu iyyuu isa hin argine; isa arguus hin dandaʼu. Ulfinii fi humni bara baraan isaaf haa taʼu. Ameen.

Ati akka sooreyyiin addunyaa kanaa of tuuluu yookaan qabeenya badu abdachuu dhiisanii Waaqa akka nu itti gammannuuf jedhee waan hunda baayʼisee nuu kennu sana abdataniif isaan ajaji.

Nu hojii amantii keessanii, dadhabbii jaalala keessanii fi obsa abdii keessanii kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti qabdan sana Waaqa keenyaa fi Abbaa keenya duratti ittuma fufnee ni yaadanna.

Amantoota Warra Lubbuun Hin jirre

Yaa obboloota, nu akka isin waaʼee warra rafan sanaa wallaaltan yookaan akka namoota abdii hin qabne kaaniitti gadditan hin barbaannu. Nu erga akka Yesuus duʼee duʼaa kaʼe amannee akkasuma immoo Waaqni warra Yesuusitti amananii rafan sana akka isuma wajjin kaasu ni amanna.

Fuula Hin Haguuggaminiin Ulfina Waaqaa Arguu

Kanaafuu nu abdii akkasii waan qabnuuf baayʼee ija jabaanna.

Egaa amantiin, abdii fi jaalalli sadan isaanii iyyuu ni jiraatu. Isaan keessaa garuu jaalalatu caala.

Expressões de esperança

Vinde a mim todos os que estais cansados. A esperança adia a dor e floresce na presença do Senhor.

"Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa.

Bara Tola Waaqayyoo

Sababii Waaqayyo akka ani

hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef,

Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira.

Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf,

akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa,

warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;

Warri Waaqayyoon abdatan garuu

humna isaanii ni haaromfatu.

Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;

ni fiigu; hin dadhaban;

ni deemu; hin bututan.

Anis, "Waaqayyo qooda koo ti;

kanaafuu ani isa nan eeggadha" ofiin nan jedha.

Ani garuu abdiidhaan Waaqayyoon nan eeggadha;

fayyisaa koo Waaqa nan eeggadha;

Waaqni koo na dhagaʼa.

Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa;

hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti.

Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa;

hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti.

Firmeza na esperança

Esperai no Senhor! O cavalo é vaidade para a segurança, mas o Senhor guarda os que nele esperam.

Yaa Waaqayyo, akkuma nu abdii keenya

sirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu.

Yaa Waaqayyo, akkuma nu abdii keenya

sirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu.

Lubbuun keenya abdiidhaan Waaqayyoon eeggatti;

innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya.

Fardi moʼannaadhaaf abdii gatii hin qabnee dha;

guddinni humna isaas nama hin oolchu.

Garuu iji Waaqayyoo warra isa sodaatan irra,

warra araara isaa abdatan irras jira;

inni lubbuu isaanii duʼa jalaa ni baasa;

bara beelaas isaan ni jiraachisa.

Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti;

dubbii isaas nan abdadha.

Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti;

abdiin koo isa biraa dhufaatii.

Yaa Waaqi Fayyisaa keenya,

ati hojii qajeelummaa sodaachisaadhaan deebii nuu kennita;

daarii lafaa hundumaaf,

galaana fagootti argamuufis ati abdii dha;

"Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha?

Abdiin koo suma irra jira.

ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef,

dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi;

anis guyyaa guutuu sin eeggadha.

Yaa Waaqayyo, ganamaan sagalee koo ni dhageessa;

anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa;

abdiidhaanis nan eeggadha.

Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman;

abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu.

Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega;

inni lubbuu kee ni eega;

Waaqayyo ammaa jalqabee

hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.

Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba.

Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.

Seja o primeiro