Esperar em Deus
Esperar em Deus não é passividade — é confiança ativa no Senhor que age no tempo perfeito. Os que esperam nele não serão confundidos nem envergonhados.
Esperança em Deus
Descanse somente em Deus, ó minha alma, pois dele vem a minha esperança. Ele é rocha e salvação — não serei abalado.
Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti;
abdiin koo isa biraa dhufaatii.
Waaqayyo duratti calʼisi;
obsaanis isa eeggadhu;
nama karaan isaa qajeeleefitti,
kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.
Namoonni hamoon ni balleeffamuutii;
warri Waaqayyoon abdatan garuu lafa dhaalu.
Waaqayyoon eeggadhu; karaa isaas eegi.
Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna;
atis badiisa hamootaa ni argita.
Ani obsaan Waaqayyoon nan eeggadhe;
innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.
Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti;
dubbii isaas nan abdadha.
Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa,
dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa
lubbuun koo Gooftaa eeggatti.
Namni si eeggatu tokko iyyuu
yoom iyyuu hin qaaneffamu;
warri sababii malee yakka hojjetan
garuu ni qaaneffamu.
Yaa Waaqayyo, ani sin eeggadha;
yaa Waaqayyo Gooftaa ko, ati deebii naa kennita.
Waaqayyoon eeggadhu;
cimi; jabaadhus;
Waaqayyoon eeggadhu.
Confiança na espera
O Senhor é bom para os que esperam nele. O olho não viu o que Deus preparou para os que o amam e o aguardam.
Warri Waaqayyoon abdatan garuu
humna isaanii ni haaromfatu.
Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;
ni fiigu; hin dadhaban;
ni deemu; hin bututan.
Yaa Waaqayyo, nu maari; nu si eeggannaa.
Ati ganama ganama jabina keenya,
yeroo dhiphinaatti immoo fayyina keenya nuuf taʼi.
Si malee Waaqa warra isa abdataniif dhaabatu,
bara duriitii jalqabee namni tokko iyyuu hin dhageenye;
yookaan gurri tokko iyyuu hin qalbeeffanne;
iji tokko iyyuu hin argine.
Ati, "Yakka ati hojjette kanaaf ani gatii kee siifin kenna!" hin jedhin;
Waaqayyoon eeggadhu; inni si baasa.
Kanaafuu yaa obboloota, hamma dhufaatii Gooftaatti obsaa. Qonnaan bulaan tokko lafa irraa midhaan gaarii argachuuf hammam akka eeggatu, bokkaa duraatii fi kan dhumaa hamma argattuttis hammam akka obsu hubadhaa. Isinis akkasuma obsaa; jabaadhaa dhaabadhaas; dhufaatiin Gooftaa dhiʼaateeraatii.
Araarri Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Waaqaatiin of eegaa.
Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna;