O Espírito Santo
O Espírito Santo é a terceira pessoa da Trindade — Consolador, Mestre e Poder. Ele convence do pecado, guia em toda verdade, distribui dons e produz frutos na vida do cristão.
O Consolador prometido
Jesus prometeu enviar o Consolador — o Espírito da Verdade — que estaria para sempre com os discípulos e os guiaria em toda verdade.
Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna;
Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna; inni Hafuura dhugaa ti. Addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef isa fudhachuu hin dandaʼu. Isin garuu waan inni isin wajjin jiraatuuf, isin keessas waan jiruuf isa ni beektu. Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa. Yeroo muraasa booddee addunyaan deebiʼee na hin argu; isin garuu na argitu. Sababii ani jiraadhuuf isinis ni jiraattu. Akka ani Abbaa koo keessa jiru, akka isin na keessa jirtan akka anis isin keessa jiru gaafas ni beektu. Namni ajajawwan koo qabu, isaanis kan eegu, inni na jaallata. Nama na jaallatu Abbaan koo ni jaallata; anis isa nan jaalladha; isattis of nan mulʼisa."
Yihuudaa Keeriyoticha utuu hin taʼin inni Yihuudaan kaan, "Yaa Gooftaa, ati maaliif addunyaatti utuu hin taʼin nutti of mulʼisuu barbaadda?" jedheen.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna. Namni na hin jaallanne dubbii koo hin eegu. Dubbiin isin dhageessan kunis kan Abbaa na erge sanaati malee kan koo miti.
"Ani utuman isin wajjin jiruu waan kana isinitti dubbadheera. Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.
Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.
Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.
"Jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni Abbaa keessaa baʼu sun yommuu dhufutti waaʼee koo dhugaa baʼa.
Ani garuu dhuguman isinitti hima; deemuun koo buʼaa isiniif qaba; yoo ani deeme malee Jajjabeessaan sun gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu isa isiniif nan erga. Innis yommuu dhufutti akka addunyaan waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaatii fi waaʼee murtii dogoggoree jiru mirkaneessa;
Yesuusis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu.
Yesuusis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu. Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura. Jecha ani, ‘Ati lammata dhalachuu si barbaachisa siin jedhe hin dinqifatin.’
Inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, ‘Namichi ati utuu Hafuurri gad buʼee isa irra jiraatuu argitu sun, isa Hafuura Qulqulluudhaan cuuphu dha’ jedhee utuu natti himuu baatee silaa ani iyyuu isa hin beeku ture.
O derramamento do Espírito
No Pentecostes, o Espírito desceu como fogo sobre os discípulos. Desde então, todos os que creem recebem o Espírito.
Yeroo guyyaan Pheenxeqoosxee gaʼetti, hundi isaanii iddoo tokkotti walitti qabamanii turan. Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko samii irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute. Isaanis waan akka arraba ibiddaa tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan. Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.
Yeroo sana Yihuudoonni Waaqa sodaatan saboota samii jala jiran hunda keessaa dhufanii Yerusaalem keessa jiraachaa turan.
Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko samii irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute. Isaanis waan akka arraba ibiddaa tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan. Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.
Isaanis waan akka arraba ibiddaa tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan. Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.
Phexrosis akkana jedhee deebise; "Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
Phexrosis akkana jedhee deebise; "Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu."
Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu."
Erga isaan Waaqa kadhatanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Waaqaa dubbatan.
Erga isaan Waaqa kadhatanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Waaqaa dubbatan.
Nu dhuga baatota waan kanaa ti; akkasumas Hafuurri Qulqulluun Waaqni warra isaaf ajajamaniif kenne sun dhuga baʼaa waan kanaa ti."
Utuu isaan Gooftaa tajaajilaa, soomaas jiranuu Hafuurri Qulqulluun, "Barnaabaasii fi Saaʼolin hojii ani itti isaan waammadheef naa filaa" jedhe.
Isaanis waan kana dhagaʼanii maqaa Gooftaa Yesuusitti cuuphaman. Yommuu Phaawulos harka isaan irra kaaʼetti Hafuurri Qulqulluun isaan irra buʼe; isaanis afaan haaraadhaan dubbatan; raajiis ni dubbatan.
Dons do Espírito
A cada um é concedida a manifestação do Espírito para o bem de todos. Os dons são diversos, mas o Espírito é o mesmo.
Mulʼanni Hafuura Qulqulluu garuu faayidaa waliitiif tokkoo tokkoo namaatiif kennama. Isa tokkoof karaa Hafuuraatiin dubbii ogummaatu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma sanaan dubbii beekumsaatu kennama; isa kaaniif Hafuuruma sanaan amantiitu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma tokkicha sanaan kennaawwan warra dhukkubsatan fayyisuutu kennama; isa tokkoof dinqiiwwan hojjechuu, isa kaaniif raajii dubbachuu, isa kaaniif hafuurota addaan baasee beekuu, isa kaaniifis afaan haaraa gosa adda addaa dubbachuu, isa kaaniif immoo afaan haaraa sana hiikuutu kennama. Waan kana hundas Hafuuruma tokkicha sanatu akkuma fedhii ofii isaatti tokkoo tokkoo namaatiif dhuunfaatti hiruudhaan hojjeta.
Kanaafuu namni Hafuura Waaqaatiin dubbatu kam iyyuu akka, "Yesuus abaaramaa dha" hin jenne, akka eenyu iyyuu yoo Hafuura Qulqulluudhaan taʼe malee, "Yesuus Gooftaa dha" jechuu hin dandeenye ani isinittin hima.
Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa.
Isin akka mana qulqullummaa Waaqaa taatanii fi akka Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraatu hin beektanii?
Hafuura isa keessa jiru malee yaada nama tokkoo eenyutu beeka? Akkasuma immoo Hafuura Waaqaa malee kan yaada Waaqaa beeku tokko iyyuu hin jiru.
Fruto do Espírito
O fruto do Espírito é amor, alegria, paz, paciência, bondade, fidelidade, mansidão e domínio próprio.
Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.
Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa,
Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.
Mootummaan Waaqaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu Hafuura Qulqulluun taʼeedha malee waaʼee nyaataa fi dhugaatii mitiitii.
Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.
Não entristeçais o Espírito
Não entristeçais o Espírito Santo de Deus. Não apaguem o Espírito — antes, enchei-vos dele continuamente.
Hafuura Qulqulluu Waaqaa kan guyyaa furamaatiif ittiin chaappeffamtan sana hin gaddisiisinaa.
Hafuura Qulqulluu Waaqaa kan guyyaa furamaatiif ittiin chaappeffamtan sana hin gaddisiisinaa.
Daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa; kun jireenya gad dhiisiitti geessaatii. Qooda kanaa Hafuuraan guutamaa;
Fuula kee duraa na hin balleessin;
Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.
innis chaappaa nutti chaappessee, qabdii Hafuura Qulqulluu garaa keenya keessa kaaʼe.
Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira.
Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira.
O Espírito nos capacita
O Espírito intercede por nós, batiza e capacita para o serviço. Ele é poder para a missão e conforto na aflição.
yoos dhiigni Kiristoos isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Waaqaaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Waaqa jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree!
Isin garuu yaa michoota, amantii keessan kan waan hunda irra qulqulluu taʼe sana irratti of ijaaraa; Hafuura Qulqulluudhaanis kadhadhaa. Araarri Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Waaqaatiin of eegaa.
Raajiin takkumaa fedhii namaatiin hin dhufneetii; garuu namoota Waaqaatu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.
Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, ergamaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; "Yaa Yoosef ilma Daawit, kaadhimni kee Maariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin.
Yommuu dabarsanii isin kennanis akkamitti akka dubbattan yookaan maal akka dubbattan hin yaaddaʼinaa. Wanni isin dubbattan yeruma sanatti isiniif kennama; Hafuura Abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee isintu dubbata mitii.
"Ammas ani isinitti nan hima; isin keessaa yoo namoonni lama lafa irratti waaʼee waan kadhatan kamii iyyuu walii galan Abbaan koo inni samii irraa isaaniif taasisa. Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii."
Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa; akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira."
Yommuu qabamtanii qorumsaaf dhiʼeeffamtanitti waaʼee waan dubbattanii duraan dursitanii hin yaaddaʼinaa. Waanuma yeroo sana isinii kennamu dubbadhaa; kan dubbatu Hafuura Qulqulluudha malee isin miti.
Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Yesuusis ni cuuphame. Utuu inni kadhachaa jiruu samiin banamee, Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee isa irratti gad buʼe. Sagaleen, "Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani sitti nan gammada" jedhu tokkos samii irraa ni dhufe.
"Hafuurri Gooftaa narra jira;
akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf, inni na dibeeraatii.
Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman,
akka warri jaaman argan,
akka warri cunqurfamanis bilisa baʼan lallabuuf na ergeera;
"Hafuurri Gooftaa narra jira;
akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf, inni na dibeeraatii.
Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman,
akka warri jaaman argan,
akka warri cunqurfamanis bilisa baʼan lallabuuf na ergeera;
inni akka ani bara tola Gooftaa labsuufis na ergeera."
Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!"