Falar
A Bíblia tem muito a ensinar sobre a arte de falar. As palavras têm poder de vida e de morte — podem edificar ou destruir, curar ou ferir, aproximar ou afastar.
O poder das palavras
A morte e a vida estão no poder da língua. A palavra branda desvia a ira, mas a palavra dura suscita o furor.
Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba;
warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.
Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa;
jechi hamaan garuu aarii kakaasa.
Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti;
arrabni sobu garuu hafuura cabsa.
Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata;
dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!
Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu;
garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa.
Falar com sabedoria
No muito falar não falta transgressão. A boca do justo fala sabedoria, e quem guarda os lábios guarda a si mesmo.
Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu;
namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.
Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata;
kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.
Gowwaan iyyuu yommuu calʼisu ogeessa fakkaata;
yommuu arraba isaa toʼatus hubataa fakkaata.
Namni odeessu dhoksaa gad baasa;
kan amanamu garuu icciitii eega.
"Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef,
mirga warra gatamaniitiifis falmi.
Dubbiin afaan ogeessaatii baʼu ulfina qaba;
namni gowwaan immoo hidhii ofii isaatiin bada.
Falar a verdade
Cada palavra ociosa será pesada no dia do juízo. Fale a verdade, edifique com a boca e confesse Cristo com os lábios.
Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti namoonni dubbii akkuma argan dubbatan hundumatti ni gaafatamu.
"Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta.
Isinis yommuu duʼaa godhattan akka ormootaa dubbii faayidaa hin qabne irra hin deddeebiʼinaa; isaan baayʼina dubbii isaaniitiin waan isaaniif dhagaʼamu seʼu.
Wanni isin dukkana keessatti dubbattan, ifa guyyaatiin dhagaʼama; wanni isin gola keessatti gurratti hasaastanis bantii manaa irraa labsama.
Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan hamaa baasa. Waan garaa guute afaan dubbataatii.
kunis yoo ati, "Iisaan Gooftaa dha" jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Allaahan warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.
Akkasumas Hafuurri dadhabbii keenya irratti nu gargaara. Nu waan duʼaa gochuu qabnu hin beeknuutii; hafuurri mataan isaa garuu aaduu ibsamuu hin dandaʼamneen duʼaa nuuf godha.
Edificar com palavras
Não saia da boca nenhuma palavra torpe. Sejam prontos para ouvir, tardios para falar, e tardios para a ira.
Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin.
Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu;
Nu hundinuu karaa baayʼeedhaan gufanna. Namni waan dubbatu keessatti hin gufanne kam iyyuu nama hirʼina hin qabnee dha; dhagna isaas guutummaatti toʼachuu dandaʼa.
Hamaa, hamaadhaan hin deebisinaa; yookaan arrabsoo, arrabsoodhaan hin deebisinaa; qooda kanaa eebbisaa. Isinis akka eebba dhaaltaniif kanumaaf waamamtaniitii.
Yaa ijoollee jaallatamoo, kottaa dubbiin yookaan afaan qofaan utuu hin taʼin hojii fi dhugaadhaan jaallannaa.
Rabbii Allaahaf galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;
waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
Afaan koo guyyaa guutuu,
galataa fi ulfina keetiin guutama.