Filho de Deus
Jesus é o Filho de Deus — a revelação suprema do Pai. Nele habita toda a plenitude da divindade e por Ele temos acesso ao Pai, à salvação e à vida eterna.
A revelação do Filho
O Filho é o resplendor da glória de Deus. Quem vê o Filho vê o Pai. Jesus é a imagem perfeita do Deus invisível.
Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akki isaa guutumatti Waaqaan wol qixxe’e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba’atti midda Waaqa hunnaamessaa tee’eera.
Maqaan Waaqi isaaf kenne maqaa ergantoota Waaqaa ka caalu akkuma te’e, Ilmi Waaqaa ergantoota Waaqaa caala.
Jechi nama te’ee, badhaadhaa fi dhuga’aan guutamee, odduu teenna le’e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba’aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine.
Ka Waaqa dhaggeeru tokkolle ijjumaa hin jiru. Ilmi tokkochi isaa Waaqi, ka cinaa Abba’aa jirutti isa mudhise.
Yesuus, «Abbaan kiyya yennaa mara hujiisatti jira; anille hujuu qaba» isaaniin jedhe.
Yesuus seera sanbataa balleessuu qofaa adoo hin te’in, Waaqi abbaa kiyya jedhee Waaqaan waan ifi qixxeesseef, Yihudooti isa ijjeesiisaaf jabeessane barbaadane.
Confissão e fé
Tu és o Cristo, o Filho do Deus vivo! Quem confessa que Jesus é o Filho de Deus, Deus permanece nele.
Yesuus gara lafa qachaa Qiisaariyaa Filiphoosii bira yennaa dhaqe, barattoota ifiitiin, «Kolbaan Ilma Namaatiin eennu jetti?» jedhee gaafate. Isaan deebisanee, «Gariin, ‹Yohaannisii cuupha’a› si’iin jedhan, worri dhibiin ammoo, ‹Eliyaas› si’iin jedhan, worri dhibiille, ‹Ermiyaas yookiin raagota keessaa tokko› si’iin jedhan» jedhaneen. Inni deebisee, «Isin hoo eennu anaan jettan?» isaaniin jedhe. Simoon Pheexroos deebisee, «Ati Masiihii, Ilma Waaqa jiraata’aa ti» jedhe.
Yesuus cuuphamee bisaan keessaa akkuma bayeen, ol-gubbaan banantee Ayyaanni Waaqaa saphaliisa fakkaatee gad dhufee isa irra bu’uun dhagge. Ol-gubbaa irraa qoonqoon, «Kun Ilma kiyya jaalatama’a, ka ani guddoo isatti gammadeeru» jette.
Yesuus Ilma Waaqaa akka te’e nami dhugeessu maraa, Waaqi isa keessa, innille Waaqa keessa hin jiraata.
Akka nuuti jiruu isaan dhaggannuuf, Waaqi Ilma ifii tokkochuma san gara biyya lafaa ergiisaan, jaalala ifii nu’uuf mudhise. Jaalala jechuun kana: nuuti Waaqa hin jaalanne, inni ammoo nu jaalatee, Ilma ifii cubbuu teennaaf woreega guma’aa akka te’uuf erge.
Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate.
Nami Ilma Waaqaa qabu jiruu qaba; nami Ilma Waaqaa hin qanne jiruu hin qabu.
Vida no Filho
Deus enviou seu Filho ao mundo para que vivêssemos por Ele. O Filho dá vida, julga e reconcilia os pecadores com o Pai.
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
Akkuma Abbaan worra du’ane kaasee jiruu isaanii kennu, akkasuma Ilmille ka ifii fedheef jiruu kenna. Abbaan eennulle’etti hin muru, ammoo akka muruuf baallii guutuu Ilmaaf kenneera; Nami martinuu akkuma abbaa ulfeessu Ilmalle akka ulfeessuuf inni tana godhe. Ka Ilma hin ulfeessine martinuu, Abbaa isa ergelle hin ulfeessu.
Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du’ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage’anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage’u jiru’uun le’a. Akkuma Abbaan madda jiru’uu te’e, Ilma ifiille madda jiru’uu akka te’u godheera.
Te’uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te’anuuf midda kenne. Isaan Waaqa irraa dhalatane malee, fedha dhiiraa irraa yookiin fedha foonii irraa yookiin fedha dhiigaa irraa hin dhalanne.
Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le’a malee, ani ifiif hin le’u. Le’ii amma fooniin le’ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaalatee, ifi dabarsee naaf kennetti dhugeeffatiisaan le’a.
Barri murtaye sun yennaa geye, Waaqi Ilma ifii nuuf erge. Inni dubartii irraa dhalatee, Seera jalatti bule. Inni worra Seera jala jiru wodee, ilmaan Waaqaa nu godhiisaaf tana godhe.
Isin ilmaan isaa waan teetaneef, Waaqi Ayyaana Ilma ifii ka, «Abbaa, Abbaa» jedhee waamu gara keessa keennaa ergeera.
Nuuti diinota Waaqaa ti; inni ammoo karaa du’a Ilma ifiitiin jaalota ifii nu godhe. Amma eega jaalota Waaqaa teene, karaa jiruu Kiristoosiitiin irra caalaa hin fayyina.
Annuun nuuf dhalateera;
ilmi nuuf kennameera;
Baalliin gurmuu isaa irra hin jiraatti;
maqaan isaa, «Gorsaa maade’ee,
Waaqa hunnaamessa,
abbaa bara baraa,
qondaala nageyaa» hin jedhama.