1 Bara durii Waaqi karaa adda addaatiin, yennaa hedduu karaa raagotaatiin abbootii teennatti dubbateera. 2 Ammaa ammoo bara duubaa kanatti karaa Ilma ifii ka waan mara akka dhaalu godheetiin nutti dubbate; biyya lafaa duudiille isumaan dade. 3 Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akki1:3Akki: Adabi isaa guutumatti Waaqaan wol qixxe’e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba’atti midda Waaqa hunnaamessaa tee’eera.
4 Maqaan Waaqi isaaf kenne maqaa ergantoota Waaqaa ka caalu akkuma te’e, Ilmi Waaqaa ergantoota Waaqaa caala.
5 Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun,
«Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera»
yookiin eennuun,
«Ani isaaf Abbaa hin te’a,
innille Ilma naaf hin te’a» jedhee beeka?
6 Waaqi yennaa Ilma ifii angaficha gara biyya lafaa erge,
«Ergantooti Waaqaa martinuu isaaf sagadanuu ti» jedhe.
7 Ammoo yennaa marroo ergantoota ifii dubbatu,
«Ergantoota ifii qilleensa1:7Qilleensa: Ayyaanota,
tajaajiltoota ifiille bobe’a ibiddaa hin godha» jedhe.
8 Marroo Ilmaa ammoo,
«Ee Waaqa, barcumaan mootummaa keetii
bara baraa haga bara baraa hin jiraata;
mootummaa teetille sirri’itti hin bulchita.
9 Ati balchummaa jaalatee yakkaa jibbite;
tanaaf Waaqi keeti si filatee,
muudaa gammachiisuun hari’oota teeti caalaa si muude» jedhe.
10 Akkasuma,
«Gootta’a, ati jalqabatti hundee lafaa hundeessite;
ol gubbaan marti hujii harka keetii ti.
11 Isaan hin badan;
ati ammoo hin jiraatta;
isaan martinuu akka woya’aa hin dullooman.
12 Ati akka bullukko’oo isaan hin marta;
isaaniille akka woya’aa hin jijjiiraman.
Ati ammoo yennaa mara sanuma;
woggooti keetille dhuma hin qabanu» jedhe.
13 Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun,
«Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii1:13Miila keeti: Baallii teeti jala godhutti
midda kiyyatti tee’i!» jedhee beeka?
14 Maarre, ergantooti Waaqaa martinuu ayyaanota worra fayyu tajaajiliisaaf ergamanu, tajaajiltoota Waaqaatii motii ree?