Pular para o conteúdo
Publicidade

Filho de Deus

Por Bíblia Online

Jesus é o Filho de Deus — a revelação suprema do Pai. Nele habita toda a plenitude da divindade e por Ele temos acesso ao Pai, à salvação e à vida eterna.

A revelação do Filho

O Filho é o resplendor da glória de Deus. Quem vê o Filho vê o Pai. Jesus é a imagem perfeita do Deus invisível.

Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe. Akkuma maqaan inni dhaale sun kan ergamootaa caalaa guddaa taʼe sana innis ergamoota caalaa guddaa dha.

Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.

Eenyu iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; garuu Ilma Tokkicha Abbaa bira jiru sanatu isa beeksise.

Yesuus garuu, "Abbaan koo hamma ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechaan jira" isaaniin jedhe. Sababii kanaaf Yihuudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan; inni Waaqaan of qixxeessuudhaan Waaqa iyyuu Abbaa ofii isaa godhee waamaa ture malee Sanbata qofa hin cabsine.

Confissão e fé

Tu és o Cristo, o Filho do Deus vivo! Quem confessa que Jesus é o Filho de Deus, Deus permanece nele.

Phexros Eenyummaa Kiristoos Beeksise

Yesuus yeroo gara biyya Fiiliphoos Qiisaariyaa dhufetti, "Namoonni Ilma Namaatiin eenyu jedhu?" jedhee barattoota isaa gaafate.

Isaanis, "Namoonni tokko tokko inni Yohannis Cuuphaa dha jedhu; warri kaan inni Eeliyaas jedhu; kaan immoo inni Ermiyaas yookaan raajota keessaa isa tokko dha jedhu" jedhanii deebisan.

Innis, "Isin hoo? Eenyu anaan jettu?" jedhee gaafate.

Simoon Phexrosis, "Ati Kiristoos, Ilma Waaqa jiraataa ti" jedhee deebise.

Yesuusis akkuma cuuphameen bishaan keessaa ol baʼe. Innis yommusuma samiin banamee, utuu Hafuurri Waaqaa akkuma gugeetti gad buʼee isa irras qubatuu arge. Sagaleen tokkos samii irraa, "Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; isatti baayʼee nan gammada" jedhe.

Yoo namni kam iyyuu Yesuus Ilma Waaqaa akka taʼe dhugaa baʼe, Waaqni isa keessa jiraata; innis Waaqa keessa jiraata.

Waaqni akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Waaqaa nu gidduutti mulʼateera. Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.

Namni cubbuu hojjetu kan diiyaabiloos; diiyaabiloos jalqabumaa kaasee cubbuu hojjetaatii. Ilmi Waaqaa hojii diiyaabiloos diiguudhaaf mulʼateetii.

Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Waaqaa hin qabne immoo jireenya hin qabu.

Vida no Filho

Deus enviou seu Filho ao mundo para que vivêssemos por Ele. O Filho dá vida, julga e reconcilia os pecadores com o Pai.

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

Akkuma Abbaan warra duʼan duʼaa kaasee jireenya kennuuf sana, Ilmis akkasuma abbaa fedheef jireenya ni kenna. Abbaan eenyutti illee hin muru; murtii hunda garuu Ilmatti kenneera; kunis akka namni hundi akkuma Abbaaf ulfina kennutti Ilmaafis ulfina kennuuf. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa Ilma ergeefis ulfina hin kennu.

Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu. Akkuma Abbaan ofuma isaatiin jireenya qabu sana, Ilmis akkasuma akka ofuma isaatiin jireenya qabaatuuf isaaf kenneeraatii.

Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne. Isaanis Waaqa irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.

Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.

Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Waaqni Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge; kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf. Sababii isin ilmaan taataniifis Waaqni Hafuura Ilma isaa kan, "Aabbaa, yaa Abbaa" jedhee waamu sana gara keessa garaa keenyaatti erge.

Nu utuu diinota Waaqaa taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree!

Mucaan nuuf dhalateera;

ilmi nuuf kennameera;

mootummaan gatiittii isaa irra jiraata.

Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa,

Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa

jedhamee ni waamama.

Seja o primeiro