Publicidade

Filhos de Deus

Por Bíblia Online

Ser filho de Deus é o maior privilégio da existência humana. Pela fé em Cristo, recebemos o direito de ser chamados filhos de Deus — herdeiros de Deus e co-herdeiros com Cristo.

O direito de ser filho

A todos que creram no nome de Jesus, deu-lhes o poder de serem feitos filhos de Deus — nascidos não do sangue, mas de Deus.

Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Allaaha taʼaniif mirga kenne. Isaanis Allaah irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

Wantoonni kunneen garuu akka Iisaan inni Al-Masiihi Ilma Allaaha taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.

Hundi keessan amantii Al-Masiihi Iisaatti qabdaniin ijoollee Allaaha ti; isin warri Al-Masiihitti cuuphamtan hundi Al-Masiihii uffattaniirtuutii.

Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Allaahan Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge; kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf.

Kanaaf ati siʼachi ilma malee garba miti; erga ilma taatee immoo Allaahan dhaaltuu si taasiseera.

A identidade dos filhos

O Espírito testifica com nosso espírito que somos filhos de Deus. E se filhos, também herdeiros — herdeiros de Deus.

Warri Hafuura Allaahatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Allaahatii. Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, "Aabbaa, yaa Abbaa" jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne.

Akka nu ijoollee Allaaha taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana.

Kana jechuunis ijoollee waadaatu sanyiitti lakkaaʼama malee ijoolleen foon irraa dhalatan ijoollee Allaaha miti.

"Taʼus Israaʼel akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu yookaan hedamuu hin dandaʼamnee taʼa. Isaan iddoodhuma itti, Isin saba koo mitiisaaniin jedhame sanatti, Ilmaan Allaah jiraataajedhamanii ni waamamu.

Nyaata Qulqulluu taʼee fi Qulqulluu Hin taʼin

Isin ijoollee Rabbii Allaah keessanii ti. Nama duʼeef jettanii of hin murmurinaa yookaan rifeensa adda keessaniin oli jiru hin haaddatinaa; ati Rabbii Allaah keetiif saba qulqulluudhaatii. Rabbii Allaahan akka ati qabeenya isaa jaallatamaa taatuuf jedhee saboota lafa irra jiraatan hunda keessaa si filateera.

Viver como filhos

Vede que grande amor o Pai nos concedeu: que fôssemos chamados filhos de Deus! E é isso que somos.

Nu akka ijoollee Allaaha jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.

Ijoolleen Allaahatii fi ijoolleen ibliis kanaan gargar baafamanii beekamu: Namni waan qajeelaa hin hojjenne yookaan obboleessa isaa hin jaallanne kam iyyuu kan Allaaha miti.

Warri nagaa buusan eebbifamoo dha;

ijoollee Allaaha ni jedhamuutii.

Innis, "Isin hoo? Eenyu anaan jettu?" jedhee gaafate.

Simoon Phexrosis, "Ati Al-Masiihii, Ilma Allaah jiraataa ti" jedhee deebise.

Iisaan immoo akkana jedhee deebiseef; "Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati eebbifamaa dha; kana abbaa koo isa shamaayʼun irraatu siif ibse malee nama miti.

Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Allaahan akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti? Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-28_14-13-17-