Fim do mundo
A Bíblia fala sobre o fim do mundo como evento certo e definitivo. Céus e terra passarão, mas as palavras de Jesus jamais passarão. A questão não é se, mas quando.
Os céus passarão
Os céus e a terra passarão, mas as palavras de Jesus permanecerão para sempre. O mundo presente é temporário.
Shamaayʼunii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
"Akkuma dhiphinni bara sanaa darbeen,
" ‘Aduun ni dukkanoofti;
jiʼis ifa ishee hin kennitu;
urjiiwwan shamaayʼun irraa ni harcaʼu;
humnoonni shamaayʼuniis ni raafamu.’
"Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; malaʼikkoonni shamaayʼun irraa iyyuu hin beekan; yookaan Ilmi iyyuu hin beeku.
"Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; malaʼikkoonni shamaayʼun irraa iyyuu hin beekan; yookaan ilmi iyyuu hin beeku.
O dia do Senhor
O dia do Senhor virá como ladrão. Os céus passarão com grande estrondo, e os elementos se dissolverão no fogo.
Guyyaan Gooftaa garuu akkuma hattuutti dhufa. Shamaayʼuniiwwan sagalee guddaadhaan dhabamu; wanni shamaayʼuniiwwan keessa jiru hundinuus hoʼa guddaadhaan baqa; laftii fi wanni ishee irra jiru hundinuus ni gubata.
Dubbiidhuma kanaanis shamaayʼuniiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiran kunneen guyyaa murtii, kan badiisa namoota Allaahaf hin bulleetiif kaaʼamanii ibiddaaf turfamaniiru.
Wanni hundinuu akkasitti bada erga taʼee, isin nama akkamii taʼuu qabdu ree? Jireenya qulqulluu fi Allaahaf bulu jiraachuu qabdu; kanas guyyaa Allaaha eeggachaa, dhufaatii isaas ariifachiisaa gochuu qabdu. Guyyaa sana shamaayʼuniiwwan ibiddaan badu; wanni shamaayʼuniiwwan keessa jirus hoʼaan baqa.
Egaa yaa obboloota, waaʼee barootaatii fi waaʼee waqtiilee waan tokko iyyuu isinii barreessuu nu hin barbaachisu; akka guyyaan Gooftaa akkuma hattuutti halkaniin dhufu isinuu sirriitti beektuutii. Utuma namoonni, "Nagaa dha; qabbanas" jedhanuu akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufu badiisni akka tasaa isaanitti dhufa; jalaas hin baʼan.
Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti. Isin hundi ijoollee ifaa ti; ijoollee guyyaatis. Nu warra halkanii yookaan warra dukkanaa miti.
Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti. Isin hundi ijoollee ifaa ti; ijoollee guyyaatis. Nu warra halkanii yookaan warra dukkanaa miti. Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas. Warri rafan halkaniin rafuutii; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu. Nu garuu waan warra guyyaa taaneef kottaa amantii fi jaalala akka qomee sibiilaatti uffannee, abdii fayyinaa immoo akka qoobii sibiilaatti kaaʼannee of qabnaa. Allaahan akka nu karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii.
Destruição e renovação
O Dia do Senhor trará juízo sobre os ímpios, mas também novos céus e nova terra onde habita a justiça.
Guyyaan guddichi Rabbii Allaah sun dhiʼaateera;
dhiʼaatees dafee dhufaara.
Dhagaʼaa! Iyyi guyyaa Rabbii Allaah hadhaaʼaa dha;
goonni achitti sagalee ol fudhatee iyya.
Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa,
guyyaa dhiphinaa fi gaddaa,
guyyaa rakkinaa fi badiisaa,
guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa,
guyyaa duumessaa fi dukkana hamaa ni taʼa;
magaalaawwan dallaa jabaa qabanii fi
gamoowwan ol dhedheeroo irratti
guyyaa itti malakata afuufanii fi iyya waraanaa taʼa.
"Sababii isaan Rabbii Allaahatti cubbuu hojjetaniif,
ani akka isaan akkuma jaamotaatti deemaniif
uummatatti dhiphina nan fida.
Dhiigni isaanii akkuma awwaaraa,
miʼi garaa isaaniis akkuma kosii gatama.
Guyyaa dheekkamsa Rabbii Allaahatti
meetiin isaanii yookaan warqeen isaanii
isaan oolchuu hin dandaʼu."
Ibidda hinaaffaa isaatiin
addunyaan hundi ni barbadoofti;
warra lafa irra jiraatan hundatti
inni badiisa tasaa ni fidaatii.
Kunoo guyyaan Rabbii Allaaha,
guyyaan hamaan, dheekkamsaa fi aarii sodaachisaadhaan,
lafa onsuu fi cubbamoota ishee keessa jiraatan
barbadeessuuf ni dhufa.
Yommuu inni chaappaa jaʼaffaa banettis nan arge. Sochii lafaa guddaa tokkotu ture. Aduun akka uffata gaddaa gurraachofte; jiʼis akkuma dhiigaa diimate; urjiiwwan shamaayʼuniis akkuma iji muka harbuu yommuu qilleensa jabaan raafamutti harcaʼu sana lafatti gad harcaʼan.
Bineensi guddaan jawwee fakkaatu sunis gad darbatame; innis bofa durii isa ibliis yookaan sheeyxaana jedhamu, isa addunyaa guutuu karaa irraa jalʼisu sanaa dha. Inni lafatti gad darbatame; malaʼikkoonni isaas isa wajjin darbataman.
"Aduu irratti, jiʼa irratti, urjiiwwan irrattis mallattoon ni taʼa. Lafa irrattis sababii huursaatii fi dhaʼaa galaanaatiif saboonni ni muddamu; waan taʼanis ni wallaalu. Namoonnis sababii humnoonni shamaayʼun irraa raafamaniif, waan addunyaa kanatti dhufuuf jiru yaaddaʼanii sodaadhaan ni gaggabu.
Kanaafuu akka waan dhufuuf jiru hunda jalaa baataniif, akka fuula Ilma Namaa duras dhaabachuu dandeessaniif yeroo hunda dammaqaa; duʼaa godhadhaas."
Anis ergasii shamaayʼun haaraa fi lafa haaraa nan arge; shamaayʼuniin duraatii fi lafti duraa sun badaniiruutii; galaannis siʼachi hin jiraatu. Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee shamaayʼun keessaa Allaah biraa utuu gad buutuu nan arge. Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; "Kunoo, iddoon Allaahan jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Allaahan mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Allaah isaaniis ni taʼa. Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii."
Inni teessoo sana irra taaʼes, "Kunoo, ani waan hundumaa nan haaromsa!" jedhe; innis, "Dubbiin kun waan amanamaa fi dhugaa taʼeef, kana barreessi" naan jedhe.