Gratidão a Deus
A gratidão a Deus é atitude que transforma a vida. Reconhecer que toda boa dádiva vem de Deus nos leva a louvar, servir e viver com alegria e propósito.
Tudo vem de Deus
Toda boa dádiva vem do alto. Agradecer a Deus é reconhecer que Ele é a fonte de toda bênção e sustento.
Wanni Waaqni uume hundinuu waan gaarii taʼeef yoo galataan fudhatame wanni gatamu tokko iyyuu hin jiru;
Wanni Waaqni uume hundinuu waan gaarii taʼeef yoo galataan fudhatame wanni gatamu tokko iyyuu hin jiru; inni dubbii Waaqaatii fi kadhannaadhaan qulqulleeffameeraatii.
Waan inni tajaajila isaatiif na filatee akka nama amanamaatti na lakkaaʼeef, ani Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus isa jabina naa kenne sana nan galateeffadha.
Egaa ani akka waammachuun, kadhannaan, namaaf kadhachuu fi galanni maqaa nama hundaatiin dhiʼeeffamu duraan dursee nan gorsa;
Waaqa Abbaa kan akka isin mootummaa ifaa keessatti qulqulloota wajjin dhaala keessatti hirmaattan isin dandeessise sana galateeffadhaa.
akkuma barattan sanatti hidda keessan isa keessatti gad fageeffadhaatii isa irratti ijaaramaa; amantiittis jabaadhaa; galata guutee dhangalaʼus dhiʼeessaa.
Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.
Louvor e gratidão
Louvai ao Senhor e dai-lhe graças! Ele fez maravilhas e é digno de todo louvor e agradecimento.
Qajeelummaa isaatiif Waaqayyoon nan galateeffadha;
maqaa Waaqayyoo Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.
"Aarsaa galataa Waaqaaf dhiʼeessi; wareega kee illee
Waaqa Waan Hundaa Oliitiif galchi;
Ani faarfannaadhaan maqaa Waaqaa nan galateeffadha;
galataanis ulfina nan kennaaf.
Warri si barbaadan hundinuu garuu
sitti gammadanii haa ililchan;
warri fayyisuu kee jaallatan,
yeroo hunda, "Waaqni guddaa dha!" haa jedhan.
Yaa Waaqi, nu si galateeffanna;
sababii Maqaan kee dhiʼoo taʼeef galata siif galchina;
namoonni waaʼee dinqii hojii keetii odeessu.
Yoos nu sabni kee, hoolonni tika keetii,
bara baraan si jajanna;
dhalootaa hamma dhalootaattis,
galata kee ni odeessina.
Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,
jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;
isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.
Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte;
wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;
kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha.
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani bara baraan sin galateeffadha.
Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;
waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Expressões de gratidão
Dar graças com oração e súplica. A gratidão se expressa em palavras, atos e atitudes que glorificam a Deus.
Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa.
yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa Abbaa galateeffadhaa.
Galateeffachuu malee haasaan qaanii yookaan dubbiin gowwummaa kan faayidaa hin qabne yookaan qoosaan namatti hin tolle isin gidduu hin jiraatin.
Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Waaqaaf galata fida.
Ayyaanni namoota hedduu waliin gaʼaa jiru kun ulfina Waaqaatiif galata guutee dhangalaʼu akka fiduuf wanni kun hundi buʼaa keessaniif taʼe.
Haala hundumaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; fedhiin Waaqni Kiristoos Yesuusitti isiniif qabu kanaatii.
akkanas jedhan:
"Yaa Waaqayyoo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu,
Kan jirtuu fi kan turte,
ati humna kee isa guddaa fudhattee
waan moʼuu jalqabdeef galata siif dhiʼeessina.
Ani garuu faarfannaa galataatiin
aarsaa siif nan dhiʼeessa.
Ani wareegan wareege sanas nan baasa.
Anis, ‘Fayyinni Waaqayyo biraa dhufa’ " nan jedha.