Gratidão ao Senhor
A gratidão ao Senhor é resposta de amor diante da bondade divina. Louvar a Deus com cântico e magnificá-lo com ação de graças — isso é o que agrada ao Senhor.
Agradecer ao Senhor
Deus transformou nosso lamento em dança. Ele é digno de toda gratidão, em todo tempo e em toda circunstância.
Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte;
wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;
kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha.
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani bara baraan sin galateeffadha.
Ani faarfannaadhaan maqaa Waaqaa nan galateeffadha;
galataanis ulfina nan kennaaf.
Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,
jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;
isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.
Warri si barbaadan hundinuu garuu
sitti gammadanii haa ililchan;
warri fayyisuu kee jaallatan,
yeroo hunda, "Waaqni guddaa dha!" haa jedhan.
Gratidão constante
Em tudo dai graças. Tudo o que Deus criou é bom, quando recebido com ação de graças e paz no coração.
Haala hundumaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; fedhiin Waaqni Kiristoos Yesuusitti isiniif qabu kanaatii.
Wanni Waaqni uume hundinuu waan gaarii taʼeef yoo galataan fudhatame wanni gatamu tokko iyyuu hin jiru; inni dubbii Waaqaatii fi kadhannaadhaan qulqulleeffameeraatii.
Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.
Ani garuu faarfannaa galataatiin
aarsaa siif nan dhiʼeessa.
Ani wareegan wareege sanas nan baasa.
Anis, ‘Fayyinni Waaqayyo biraa dhufa’ " nan jedha.