Guardar o coração
Guardar o coração é o mandamento mais urgente de Provérbios. Sobre tudo o que se deve guardar, guarda o teu coração, porque dele procedem as fontes da vida.
Sobre tudo, guarda o coração
O coração é a nascente de tudo — pensamentos, desejos, decisões. Guardá-lo é proteger toda a vida espiritual e emocional.
Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;
burqaan jireenyaa achii baʼaatii.
Yaa ilma ko, garaa kee naa kenni;
iji kees karaa koo haa ilaalu;
Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin;
ajaja koos garaatti qabadhu;
isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa,
nagaa fi badhaadhummaa siif dabaluutii.
Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan hamaa baasa. Waan garaa guute afaan dubbataatii.
Coração puro e renovado
Cria em mim um coração puro, ó Deus. Os puros de coração verão a Deus — e o Espírito renova nosso interior.
Yaa Allaah, garaa qulqulluu na keessatti uumi;
Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.
Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha;
Allaah ni arguutii.
Yaa Allaah, na sakattaʼi; garaa koos beeki;
qoriitii na ilaali; yaada koos beeki.
Yoo karaan hamminaa na keessa jiraate mee ilaali;
karaa bara baraa irras na adeemsisi.
Rabbii Allaah, qoriitii na ilaali;
garaa koo fi qalbii koo qori;
jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii;
anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa.
Ati yoo garaa koo qorte, halkaniinis yoo na ilaalte,
yoo na sakattaates, homaa narratti hin argattu;
ani akka afaan koo cubbuu hin hojjenneef kutadheeraatii.
Waaʼee hojii namootaa immoo ani dubbii afaan keetiitiin
karaa gooltotaa irraa of eeggadheera.
Tarkaanfiin koo karaa kee irratti cimeera;
miilli koos hin mucucaanne.
Yaa Allaah, garaan koo hin raafamu;
garaan koo hin raafamu;
ani nan faarfadha; nan weeddisas.
Guardar com a Palavra
Não vos conformeis com este mundo. A Palavra de Deus guardada no coração nos protege do pecado e nos direciona.
Fedhiin Allaaha gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.
Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada;
akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.
Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef,
dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.
Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan Rabbii Allaah kee jaalladhu. Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan.
akkana isaaniin jedhe; "Akka isaan dubbiiwwan seera kanaa hunda of eeggannaadhaan eeganiif akka isin ijoollee keessan ajajjan, dubbiiwwan ani harʼa ifa baasee isinitti himu hunda qalbiitti qabadhaa.
Vigilância e paz
A paz de Deus guarda nossos corações em Cristo Jesus. Chegai-vos a Deus, purificai os corações — e Ele estará convosco.
Waan hundumaa keessatti Allaah duratti duʼaa gochuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Allaahatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa. Nagaan Allaah kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Al-Masiihi Iisaatiin qalbii fi yaada keessan ni eega.
Allaahatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.
Isinis akkasuma obsaa; jabaadhaa dhaabadhaas; dhufaatiin Gooftaa dhiʼaateeraatii.
Egaa isin erga Al-Masiihii wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Allaaha iddoo Al-Masiihiin taaʼu sana jiru barbaadaa.