Honestidade
A honestidade é virtude cristã fundamental. Deus é Deus de verdade e nos chama a viver com integridade, transparência e retidão em todos os nossos relacionamentos e negócios.
Integridade diante de Deus
O Senhor abomina a balança falsa, mas o peso justo é seu prazer. A integridade dos justos os guia pelos caminhos retos.
Mootiin Waan Maraa madaala sobaa jibba;
dhakaa madaalaa ka sirrii te’etti gammada.
Worri qajeelaan komii dhabiisaan qajeelfaman;
worri hin addatanne ammoo
maltumma’aan badan.
Worri qajeelaan komii dhabiisaan qajeelfaman;
worri hin addatanne ammoo
maltumma’aan badan.
Achiin duuba ati balchumma’aa fi haqa,
waan dhugaa te’ee fi daandii dansaa mara hin hubatta.
Balchumma’aa fi haqa hujuun,
ciincaa caalaa Mootii Waan Maraa biratti
fudhatama qaba.
Ilti teeti gara fuula duraa
qajeelaa ilaaltuu ti;
ifiin dura qofa ilaali.
Nuuti waan dhossa’aa fi fokkisiisaa te’e lakkinneerra; maltumma’aan hin hunyu; Jecha Waaqaalle hin micciirru; addee akkasii dhugaa ifatti baannee mudhinna; ifille wodanaa nama maraatiif fuula Waaqaa duratti ifa goona.
Yaad keenna waan sirrii te’e fuula Gootta’aa duratti callaa adoo hin te’in, fuulaa worra dhibi’ii durale’etti huju’u.
Praticar a honestidade
Falai a verdade, pagai o que deveis, não negueis ao próximo o bem. A honestidade prática é testemunho do evangelho.
Namummaa dullacha hujii isaa woliin ifi irraa baattanee waan gattaneertanuuf, dhara wolitti hin dubbatina’a.
Waan isaan isin irraa dhaggachu’uuf malane, kenna’aaf; ka gibirri maleef gibira, ka qaraxi maleef qaraxa, ka sodaan malteef sodaa, ka ulfinni maleef ulfinna kenna’a.
Isin tanaaf gibiralle gabbartan; worri baallii qabulle yennaa waan kana hujii irra oolchu Waaqaaf hujiisatti jira.
Fuula nama maraa duratti waan dansaa godha’a malee, yennaa namooti hantuu isin irratti hujanu, isinille deebittanee hantuu itti hin hujina’a.
Worra wonni dansaan malteef,
waan dansaa godhiisaaf adoo dandeettuu,
waan dansaan godhiisa hin lakkisin.
Qabeenna bacaa
karaa haqa hin te’iniin dhaggatanuu mannaa,
qabeenna diqqaa karaa balchumma’aatiin dhaggatanu woyya.
Qabeenni karaa hin malleen dhaggame
bu’aa hin qabu;
balchummaan ammoo
du’a jalaa nama baatti.
Confissão e transparência
Confessai as vossas ofensas uns aos outros. Quem confessa e deixa o pecado encontra misericórdia e restauração.
Nami cubbuu ifii dhoffatu,
hin milkowu;
nami cubbuu ifii faaci’atuu fi ka isii lakkisu ammoo
marartii hin dhaggata.
Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha’a, woliifille daadimadha’a! Daadimannaan nama balcha’aa hunnaametti’ii fi bu’aa qabeetti’i.
Obboleeyyan tiyya! Waan mara caalaa hin kakatina’a! Ol-gubba’aan yookiin lafaan yookiin waan dhibiille’een hin kakatina’a! «Eetiin» teessan eeti, «Waawwoon» teessan waawwoo teetuu ti. Yoo akkas hin te’in, isinitti hin muranti.
Qarummaan ol-gubbaa irraa dhuttu matooma qulqullitti’i; akkasuma nageellitti’i, qajeeltu’u, ifi kennitu’u, mararti’ii fi midhaan dansa’aan ta guutante; wol caalchisiisaa fi kijibille ta keessa hin jirre.
Waaqa woliin tokkummaa qanna jedhaa, dukkana keessa yoo deddeebine hin sonna; dhugaan nu keessa hin jirtu.
Ijoolle! Dubbi’iin yookiin afaan calla’aan adoo hin te’in, huji’ii fi dhuga’aan wol jaalannuu ti.
Coração puro
Bem-aventurados os puros de coração, porque verão a Deus. A honestidade começa no interior e se manifesta nas ações.
Worri gadhaa qullu’uu gammaduu;
isaan Waaqa hin dhaggan!
Mootii Waan Maraa duratti cadhisiitii,
ossaan isa eeggadhu;
worra hamaaleyyii
yaad hamaan isaanii toleef itti hin aarin.
Nama arjaa, liqaa namaaf kennu
wonni dansaan isaaf hin teeti.
Ati akka hojjataa ilaallamee fudhatamee, ka hujii ifiititti hin fokkifanne, ka dubbii dhugaa Waaqaa sirri’itti barsiisuu, fuula Waaqaa duratti ifi dhiyeessiisaaf jabaadhu.
«Eennulle ifa issee, gonbisaa jala yookiin taqee jala hin keyu; worri gara manaa seenu akka ifa dhagguuf waan issaan irra keyamu irra keya.
Nami hamaan jechuma hamaa ifiitiin qabama;
nami balchaan ammoo rakkinna jalaa hin baya.
Dhugaa bayaan dhugaamessi,
dubbii dhuga’aa dhugaa baya;
dhugaa bayaan dharaamessi ammoo soba dubbata.
Nami micciiramaan lola kaasa;
nami nama hamatu jaalota gargar baasa.