Honrar os pais
Honrar pai e mãe é mandamento de Deus com promessa de vida longa e feliz. A Bíblia ensina que respeitar, obedecer e cuidar dos pais é dever sagrado dos filhos.
O mandamento com promessa
Honra a teu pai e a tua mãe para que vá bem contigo e vivas muito tempo sobre a terra. É o primeiro mandamento com promessa.
Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuu fi akka sitti toluuf akkuma Waaqayyo Waaqni kee si ajajetti abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha; kunis, "Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf."
Ijoollee fi Warra Isaanii
Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha; kunis, "Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf."
Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.
Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.
Obedecer e respeitar
Filhos, obedecei a vossos pais no Senhor. Ouvir a instrução do pai e não desprezar o ensino da mãe traz sabedoria.
Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu
Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;
barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu
Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;
barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo,
morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.
Ogummaan Waan Hunda Caalti
Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa;
qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.
Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa;
qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu.
Jecha kudha torbaffaa
Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi;
haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin.
Yesuusis akkana jedhee deebise; "Isinis maaliif duudhaa keessaniif jettanii ajaja Waaqaa cabsitu? Waaqni, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’ jedheeraatii.
Yesuusis akkana jedhee deebise; "Isinis maaliif duudhaa keessaniif jettanii ajaja Waaqaa cabsitu? Waaqni, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’ jedheeraatii. Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif kennamuu malu ‘Waaqaaf kennameera’ jedhee dubbate, inni waan sanaan abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif ulfina kennuu hin qabu jettu. Akkanaanis isin duudhaa keessaniif jettanii dubbii Waaqaa busheessitu.
Consequências da desonra
A Bíblia adverte severamente contra a desonra aos pais. Quem amaldiçoa ou agride os pais enfrenta consequências sérias.
Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu,
ilma qaanii fi salphina fiduu dha.
Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare,
ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.
"Ija abbaatti qoosu,
kan ajaja haadhaa tuffatu
arraagessa sululaatiin baafama;
joobiraanis ni nyaatama.
"Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu haa ajjeefamu.
Waan Guyyoota Dhumaa Keessa Taʼu
Garuu guyyoota dhumaa keessa yeroon rakkinaa akka dhufu hubadhu. Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Waaqa arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne, warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne,
Cuidar dos pais
Quem não cuida dos seus, principalmente de sua família, negou a fé. Honrar os pais inclui respeitar os idosos.
Garuu haati hiyyeessaa tokko yoo ijoollee yookaan akkoowwan qabaatte ijoolleen kunneen maatii isaanii gargaaruu fi warra isaaniitiif gatii deebisuudhaan amantii isaanii hojiin mulʼisuuf duraan dursanii barachuu qabu; kun Waaqa gammachiisaatii.
Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha.
" ‘Tokkoon tokkoon keessan haadha keessanii fi abbaa keessaniif ulfina kennaa; Sanbatoota koos eegaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
" ‘Warra dulloomaniif kaʼi; jaarsaaf ulfina kenni; Waaqa kee sodaadhu. Ani Waaqayyo.