Publicidade

Jonas 2

Kadhannaa Yoonaas

1 Yoonaas garaa qurxummii keessaa Waaqayyoon Waaqa isaa kadhate. 2 Innis akkana jedhe:

"Ani rakkina koo keessatti Waaqayyoon waammadhe;

innis deebii naaf kenne.

Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye;

atis iyya koo naaf dhageesse.

3 Ati tuujubatti,

garaa galaanaatti gad na darbatte;

lolaanis na marse;

dambalii fi dhaʼaan kee

hundinuu narra garagalan.

4 Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera;

taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetii

qulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe.

5 Bishaanonni na haguugan;

tuujubni immoo na marse;

aramaan galaanaas mataatti na marame.

6 Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame;

balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame.

Yaa Waaqayyo Waaqa ko,

ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte.

7 "Yaa Waaqayyo, yeroo lubbuun koo dadhabdetti

ani sin yaadadhe;

kadhannaan koos gara kee

gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe.

8 "Warri waaqota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan

araara Waaqaa irraa garagalu.

9 Ani garuu faarfannaa galataatiin

aarsaa siif nan dhiʼeessa.

Ani wareegan wareege sanas nan baasa.

Anis, ‘Fayyinni Waaqayyo biraa dhufa’ " nan jedha.

10 Waaqayyos qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yoonaasin tufe.

Veja também

Publicidade
Jonas
Ver todos os capítulos de Jonas
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-