Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 18

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit garbicha Waaqayyoo; innis yommuu Waaqayyo harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii faarfannaa kana Waaqayyoof faarfate. Innis akkana jedhe:

1 Yaa Waaqayyo jabina ko, ani sin jaalladha.

2 Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;

Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha;

inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.

3 Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha;

diinota koo jalaas nan baraarama.

4 Funyoon duʼaa na xaxe;

lolaan badiisaas na liqimseera.

5 Funyoon siiʼool natti marame;

kiyyoon duʼaas natti dhufe.

6 Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe;

gargaarsaafis Waaqa kootti nan iyyadhe.

Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe;

iyyi koos gurra isaa seene.

7 Lafti ni hollatte; ni sochootes;

hundeewwan tulluuwwaniis ni raafaman;

sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.

8 Aarri funyaan isaatii ol baʼe;

ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe;

cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.

9 Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe;

duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.

10 Inni kiirubeelin yaabbatee barrise;

qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.

11 Inni dukkana haguuggii isaa, duumessa samii kan

bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.

12 Ifa fuula isaa keessaas duumessi dhagaa cabbiitii fi

bakakkaadhaan tarsaasee baʼe.

13 Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe;

sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.

14 Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse;

bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.

15 Yaa Waaqayyo, dheekkamsa keetiin,

humna hafuura funyaan keetii baʼuutiinis,

sululawwan galaanaa ifatti baafaman;

hundeewwan lafaas qullaa hafan.

16 Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe;

bishaanota gad fagoo keessaas na baase.

17 Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo

warra akka malee natti ciman jalaas na baase.

18 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan;

Waaqayyo garuu gargaarsa koo ture.

19 Inni iddoo balʼaatti na baase;

waan natti gammadeefis na oolche.

20 Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera;

akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.

21 Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii;

Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.

22 Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira;

anis labsii isaa irraa hin gorre.

23 Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture;

cubbuu irraas of eeggadheera.

24 Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti,

akkuma harki koo fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.

25 Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta;

nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata.

26 Nama qulqulluutti qulqulluu taata;

nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.

27 Ati warra gad of qaban ni oolchita;

ija of tuulu garuu gad deebifta.

28 Yaa Waaqayyo ati ibsaa koo jabeessitee ni ibsita;

Waaqni koo dukkana koo ifatti ni geeddara.

29 Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema;

Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.

30 Waaqa kana karaan isaa mudaa hin qabu;

dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu;

warra isatti kooluu galan hundaaf Waaqayyo gaachana taʼa.

31 Waaqayyo malee Waaqni eenyu?

Waaqa keenya malees kattaan eenyu?

32 Kan humna na hidhachiisu,

kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa.

33 Inni miilla koo akka miilla borofaa godha;

iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.

34 Inni harka koo waraanaaf leenjisa;

irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.

35 Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota;

harki kee mirgaa ol na qabeera;

gargaarsi kees nama guddaa na godhe.

36 Akka koomeen koo hin mucucaanneef,

miilla kootiif daandii balʼifteerta.

37 Ani diinota koo ariʼee nan qaqqabadhe;

hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.

38 Ani akka isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandeenyeef isaan nan barbadeesse;

isaanis miilla koo jalatti ni kufan.

39 Ati lolaaf humna na hidhachiifte;

amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.

40 Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta;

anis amajaajota koo barbadeesseera.

41 Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre;

gara Waaqayyoottis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.

42 Anis akkuma awwaara bubbeen fudhatuutti isaan nan daake;

akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan nan dhidhiite.

43 Ati lola namootaa jalaa na baafteerta;

mataa sabootaa na gooteerta;

sabni ani hin beekne na tajaajila.

44 Namoonni ormaa na sossobatan;

isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.

45 Isaan hundi abdii kutatan;

hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.

46 Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu!

Waaqni Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!

47 Inni Waaqa haaloo naa baasu,

kan sabootas na jalatti bulchuu dha;

48 diinota koo jalaas na baasa.

Ati amajaajota kootii ol na goota;

gooltota jalaas na baafte.

49 Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa;

faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.

50 Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna;

dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif,

jaalala bara baraa ni argisiisa.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.