Pular para o conteúdo
Publicidade

Honrar os pais

Por Bíblia Online

Honrar pai e mãe é mandamento de Deus com promessa de vida longa e feliz. A Bíblia ensina que respeitar, obedecer e cuidar dos pais é dever sagrado dos filhos.

O mandamento com promessa

Honra a teu pai e a tua mãe para que vá bem contigo e vivas muito tempo sobre a terra. É o primeiro mandamento com promessa.

Akka biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.

Akka biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuu fi akka sitti toluuf akkuma Rabbii Allaahan kee si ajajetti abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.

Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha; kunis, "Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf."

Ijoollee fi Warra Isaanii

Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha; kunis, "Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf."

Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.

Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.

Obedecer e respeitar

Filhos, obedecei a vossos pais no Senhor. Ouvir a instrução do pai e não desprezar o ensino da mãe traz sabedoria.

Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu

Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;

barsiisa haadha keetii illee hin gatin.

Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu

Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;

barsiisa haadha keetii illee hin gatin.

Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo,

morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.

Ogummaan Waan Hunda Caalti

Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa;

qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.

Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa;

qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu.

Jecha kudha torbaffaa

Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi;

haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin.

Iisaanis akkana jedhee deebise; "Isinis maaliif duudhaa keessaniif jettanii ajaja Allaaha cabsitu? Allaahan, Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu jedheeraatii.

Iisaanis akkana jedhee deebise; "Isinis maaliif duudhaa keessaniif jettanii ajaja Allaaha cabsitu? Allaahan, Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu jedheeraatii. Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif kennamuu malu Allaahaf kennameerajedhee dubbate, inni waan sanaan abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif ulfina kennuu hin qabu jettu. Akkanaanis isin duudhaa keessaniif jettanii dubbii Allaaha busheessitu.

Consequências da desonra

A Bíblia adverte severamente contra a desonra aos pais. Quem amaldiçoa ou agride os pais enfrenta consequências sérias.

Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu,

ilma qaanii fi salphina fiduu dha.

Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare,

ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.

"Ija abbaatti qoosu,

kan ajaja haadhaa tuffatu

arraagessa sululaatiin baafama;

joobiraanis ni nyaatama.

"Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu haa ajjeefamu.

Waan Guyyoota Dhumaa Keessa Taʼu

Garuu guyyoota dhumaa keessa yeroon rakkinaa akka dhufu hubadhu. Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Allaah arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne, warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne,

Cuidar dos pais

Quem não cuida dos seus, principalmente de sua família, negou a fé. Honrar os pais inclui respeitar os idosos.

Garuu haati hiyyeessaa tokko yoo ijoollee yookaan akkoowwan qabaatte ijoolleen kunneen maatii isaanii gargaaruu fi warra isaaniitiif gatii deebisuudhaan amantii isaanii hojiin mulʼisuuf duraan dursanii barachuu qabu; kun Allaah gammachiisaatii.

Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha.

" Tokkoon tokkoon keessan haadha keessanii fi abbaa keessaniif ulfina kennaa; Sanbatoota koos eegaa. Ani Rabbii Allaah keessan.

" Warra dulloomaniif kaʼi; jaarsaaf ulfina kenni; Allaah kee sodaadhu. Ani Rabbii Allaah.

Seja o primeiro