Incentivo
A Bíblia é fonte inesgotável de incentivo. Em cada página, Deus nos encoraja a não temer, a perseverar e a confiar que Ele está conosco e é maior que qualquer adversidade.
Deus é por nós
Se Deus é por nós, quem será contra nós? O Senhor fortalece, sustenta e guia seus filhos em cada batalha e desafio.
Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Allaahan nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa?
Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii;
hin raafamin; ani Allaah keetii.
Ani sin jabeessa; sin gargaaras;
ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.
Warri Rabbii Allaah abdatan garuu
humna isaanii ni haaromfatu.
Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;
ni fiigu; hin dadhaban;
ni deemu; hin bututan.
Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.
Cimaa; jabaadhaa. Rabbii Allaahan keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu."
Allaahan hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.
Esperança e perseverança
A tribulação produz perseverança, a perseverança produz caráter, e o caráter produz esperança que não decepciona.
Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii; obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida. Jaalalli Allaaha karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.
Kanaafuu ija jabina keessan isa gatii guddaa qabu sana hin gatinaa.
Dhiphina sirra gaʼuuf jiru hin sodaatin. Kunoo, akka qoramtaniif ibliis isin keessaa namoota tokko tokko mana hidhaatti ni galcha. Guyyaa kudhanis ni dhiphattu. Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi; ani gonfoo jireenyaa siifin kennaatii.
"Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa."
Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema. Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida. Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii.
Iisaanis, " ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama" jedheen.
Deus cuida de nós
Entrega o teu caminho ao Senhor. Lança sobre Ele as tuas ansiedades, porque Ele tem cuidado de nós diariamente.
Karaa kee Rabbii Allaahatti kennadhu;
isa amanadhu; inni siif milkeessa.
Adeemsi nama Rabbii Allaah biraa ajajama;
inni karaa namicha sanaatti ni gammada.
Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu;
Rabbii Allaahan harka isaatiin qabee isa dhaabaatii.
Yaaddoo kee Rabbii Allaahatti kennadhu;
inni si jiraachisa;
namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.
Ani rakkina koo keessatti Rabbii Allaahatti nan iyyadha;
innis deebii naa kenna.
Saba kumaatama qixa hundaan
kaʼee na marse ani hin sodaadhu.
Futuro e promessas
Eu sei os planos que tenho para vocês — planos de paz e não de mal, para dar-lhes futuro e esperança.
Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Rabbii Allaahan.
Rabbii Allaahan kee
inni si wajjin jiru jabaa dha.
Inni baayʼee sitti gammada;
inni jaalala isaatiin si boqochiisa;
faarfannaadhaanis sitti gammada."
Iisaanis isaan ilaalee, "Kun namaaf hin dandaʼamu; Allaahaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama" jedhe.
Taʼu iyyuu akkuma,
"Waan Allaahan warra isa jaallataniif
qopheesse iji hin argine,
gurri hin dhageenye,
garaa namaattis hin yaadamne"
jedhamee barreeffame sana,
Saamaan garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatee ture. Innis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixe; Rabbii Allaahanis moʼannaa guddaa kenne.