Publicidade

Jó 6

Ayyuub

1 Ayyuubis akkana jedhee deebise:

2 "Utuu gaddi koo safaramee

dhiphinni koo hundis madaalii irra kaaʼamee jiraatee!

3 Waan inni cirracha galaanaa caalaa ulfaatuuf,

ariitiin dubbachuun koo nama hin dinqisiisu ture.

4 Xiyyawwan Allaah Waan Hunda Dandaʼuu na keessa jiru;

hafuurri koo summii isaanii dhuga;

sodaachisuun Allaaha natti hiriireera.

5 Harreen diidaa utuu marga qabuu halaakaa?

Yookaan qotiyyoon utuu okaa qabuu baroodaa?

6 Nyaanni hin miʼoofne soogidda malee nyaatamaa?

Yookaan bishaan hanqaaquu ni miʼaawaa?

7 Ani isa tuquu hin fedhu;

nyaanni akkasii na dhukkubsa.

8 "Utuu duʼaan koo deebii argatee,

Allaahanis waan ani hawwu naa kennee jiraatee,

9 utuu na caccabsuun fedhii Allaaha taʼee,

utuu harki isaa hiikamee na galaafatee!

10 Silaa kun jajjabina naa taʼa ture;

dhukkuba hamaa keessatti iyyuu nan gammada ture;

ani dubbii Qulqullicha sanaa hin ganneetii.

11 "Ammas akkan abdadhuuf jabinni koo maali?

Akkan obsuufis humni koo maali?

12 Ani jabina dhagaa qabaa?

Foon koos naasiidhaa?

13 Ani of gargaaruuf humna tokko illee qabaa?

Ogummaan na keessaa badeera mitii?

14 "Namni michuu isaatiif garaa hin laafne

Allaah Waan Hunda Dandaʼu iyyuu sodaachuu dhiiseera.

15 Obboloonni koo garuu akka doloolloo,

akkuma laga yeroof guutee darbuu gowwoomsitoota;

16 isaan laga cabbiidhaan booraʼee

yommuu cabbiin sun baqutti immoo guutee irra yaaʼuu ti.

17 Lageen yeroo bonni cimutti ni goggogu;

yeroo hoʼaatti immoo iddoo isaaniitii badu.

18 Warri gaalaan daldalan karaa isaanii irraa jalʼatu;

gammoojjiitti namʼanii dhumu.

19 Daldaltoonni Teemaa kanneen gaalaan daldalan bishaan barbaadu;

karaa adeemtonni Shebaa immoo isaan abdatu.

20 Isaan waan abdatanii turaniif ni qaanaʼan;

achi gaʼaniis waan jedhan wallaalan.

21 Ammas isin akka waan faayidaa hin qabnee taatan;

gidiraa koo argitanii sodaattan.

22 Ani takkumaa, ‘Waa naaf kennaa’ yookaan

‘Qabeenya keessan furii naaf godhaa’ jedheeraa?

23 Yookaan, ‘Harka diinaa jalaa na baasaa’ yookaan,

‘Harka cunqursitootaa jalaa na furaa’ jedheeraa?

24 "Na barsiisaa; ani nan calʼisa;

iddoo ani itti dogoggores na argisiisaa.

25 Dubbiin qajeelaan akkam ulfaataa dha!

Falmiin keessan garuu maal mirkaneessa?

26 Isin waan ani jedhu qajeelchuu,

dubbii nama abdii kutatees akka bubbeetti heduu barbaadduu?

27 Isin ijoollee abbaa hin qabnetti ixaa buufattu;

michoota keessaniifis boolla qottu.

28 "Amma garuu yoo fedhii keessan taʼe na ilaalaa.

Ani fuula keessan duratti nan sobaa?

29 Deebiʼaa; murtiis hin jalʼisinaa;

hubadhaa; ani nama qajeelaadhaatii.

30 Jalʼinni arraba koo irra jiraa?

Afaan koo daba addaan baasuu hin dandaʼuu?

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-