Publicidade

Jó 38

Rabbii Allaahan Ni dubbata

1 Kana irratti Rabbii Allaahan bubbee jabaa keessaa Ayyuubitti dubbate. Akkana jedhes:

2 "Namni dubbii beekumsa malee

dubbatamuun karoora koo dukkanneessu kun eenyu?

3 Mee akka gootaa mudhii kee hidhadhu;

ani sin gaafadha;

ati immoo deebii naa kenni.

4 "Yeroo ani hundee lafaa kaaʼetti ati eessa turte?

Yoo hubatte mee natti himi.

5 Eenyutu balʼina ishee murteesse? Dhugumaan ni beektaa?

Eenyutu ulee safaraa ishee irra harkise?

6 Hundeen ishee maal irra dhaabame?

Yookaan eenyutu dhagaa golee ishee dhaabe?

7 Kunis yeroo bakkalchoonni barii walii wajjin faarfatanitti,

yeroo ilmaan Allaahas ililchanitti ture.

8 "Yeroo galaanni cabsee garaa lafaa keessaa baʼetti

eenyutu balbala itti cufee ittise?

9 Yeroo ani duumessoota uffata isaa godhee

dukkana guddaan maretti,

10 yeroo ani daangaa isaa dhaabee

balbalaa fi danqaraa hojjedheefitti,

11 anis, ‘Ati hamma asiitti dhufta; garuu darbuu hin dandeessu;

dambaliin of jajuu keetii illee asumatti dhaabata!’ jedheen.

12 "Ati bara jireenya keetii barraaqa ajajjee

yookaan barii obborootti iddoo isaa argisiiftee beektaa?

13 Akka inni handaara lafaa qabatee

namoota hamoo achi keessaa hurgufu gooteertaa?

14 Lafti akka suphee chaappaa jala jiruutti bifa geeddaratti;

bifti ishees akka bifa uffataatti mulʼata.

15 Hamoonni ifa isaanii dhowwatamaniiru;

irreen isaanii inni ol kaʼes cabeera.

16 "Ati gara burqaa galaanaa gad buutee

yookaan tuujuba bishaanii seentee hundee isaa irra deemtee beektaa?

17 Karri duʼaa sitti mulʼifameeraa?

Karra gaaddidduu duʼaas argiteertaa?

18 Balʼina lafaa guddaa sana hubatteertaa?

Yoo kana hunda beekte dubbadhu.

19 "Karaan iddoo ifni jirutti nama geessu kami?

Dukkannis eessa jiraata?

20 Iddoo isaaniitti isaan geessuu dandeessaa?

Daandii lafa jireenya isaaniitti geessu beektaa?

21 Ati dhugumaan ni beekta; yeroo sana dhalatteertaatii!

Ati bara hedduu jiraatteerta!

22 "Mankuusa cabbii seentee yookaan mankuusa

dhagaa cabbii argiteertaa?

23 Kan ani yeroo rakkinaatiif,

guyyaa waraanaa fi lolaatiif ol kaaʼadhe argiteertaa?

24 Karaan iddoo ifni itti bittinnaaʼutti

yookaan gara iddoo bubbeen baʼaa itti lafa irra faffacaʼuutti nama geessu kami?

25 Eenyutu lolaadhaaf boʼoo,

bakakkaadhaaf immoo daandii baasee,

26 lafa namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne,

gammoojjii namni tokko iyyuu keessa hin jirre bishaan obaasuuf,

27 lafa namni keessa hin jiraannee fi lafa onaa quubsee

margas itti biqilchu eenyu?

28 Roobni abbaa qabaa?

Copha fixeensaa eenyutu dhalche?

29 Cabbiin garaa eenyuutii baʼa?

Qorra shamaayʼun eenyutu dhala?

30 Bishaanonni akka dhagaa jabaatu,

fuulli tuujubaas akka cabbii taʼa.

31 "Urjiiwwan babbareedoo Torbii jedhaman hidhuu ni dandeessaa?

Yookaan hidhaa Urjii Sadee jedhamuu hiikuu ni dandeessaa?

32 Tuuta urjiiwwanii waqtiilee isaaniitti fiduu

yookaan urjii Amaaketa jedhamu ilmaan isaa wajjin bobbaasuu ni dandeessaa?

33 Seera shamaayʼuniiwwanii beektaa?

Bulchiinsa isaanii lafa irratti hundeessuu ni dandeessaa?

34 "Ati sagalee kee gara duumessaatti ol fudhattee,

lolaa bishaaniitiin of haguuguu ni dandeessaa?

35 Ati bakakkaa daandii isaa irra erguu ni dandeessaa?

Innis, ‘Kunoo ani asan jira’ siin jedhaa?

36 Eenyutu yaada garaatiif ogummaa

yookaan sammuudhaaf hubannaa kenne?

37 Eenyutu duumessoota lakkaaʼuuf ogummaa qaba?

Eenyutu okkotee bishaan shamaayʼun

38 yeroo biyyoon jabaattutti,

yeroo supheen wal qabattutti jalʼisuu dandaʼa?

39 "Ati leenca dhalaadhaaf nyaata adamsitee

saafela leencaas beela baaftee

40 yeroo isaan manʼee isaanii keessatti riphanitti

yookaan yeroo isaan daggala keessatti riphanii waa eeggatanitti beela ni baaftaa?

41 Eenyutu yeroo ilmaan ishee gara Allaahatti iyyan,

yeroo isaan nyaata dhabanii jooranitti,

arraagessaaf nyaata kenna?

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-