Publicidade

Jó 25

Bildaad

1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:

2 "Mootummaa fi sodaatamuun kan Allaaha ti;

inni shamaayʼuniiwwan ol fagoo keessatti nagaa buusa.

3 Loltoonni isaa lakkaaʼamuu dandaʼuu?

Ifni isaa eenyu irratti utuu hin baʼin hafa?

4 Yoos namni akkamitti fuula Allaaha duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa ree?

Namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?

5 Yoo jiʼi illee fuula isaa duratti hin ifne,

yoo urjiiwwanis ija isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,

6 namni raammoo foonii taʼe,

ilmi namaa kan raammoo taʼe sun hammam kanaa gad haa taʼu ree!"

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-