Publicidade

Jó 23

Ayyuub

1 Ayyuub akkana jedhee deebise:

2 "Harʼa iyyuu guungummiin koo hadhaaʼaa dha;

yoo ani akkam aade iyyuu harki isaa natti ulfaateera.

3 Ani utuun iddoo itti isa argadhu beekee,

utuu iddoo inni jiraatu illee dhaquu dandaʼee!

4 Silaa dhimma koo fuula isaa duratti dhiʼeeffadhee

afaan koo falmiin guuttadha ture.

5 Waan inni naa deebisu nan beekan ture;

waan inni naan jedhus nan hubadhan ture.

6 Inni humna isaa guddaa sanaan anaan mormaa?

Lakki, na dhaggeeffata malee.

7 Namni qajeelaan achuma fuula isaa duratti dhimma isaa ni dhiʼeeffata;

anis isa natti muru jalaa bara baraan nan baʼa.

8 "Garuu yoo ani gara baʼa biiftuu deeme, inni achi hin jiru;

ani yoo gara dhiʼaa dhaqes achitti isa hin argadhu.

9 Yommuu inni kaabatti hojii irra jirutti ani isa hin argu;

yommuu inni gara kibbaatti deebiʼuttis

ani hamma libsuu ijaa isa arguu hin dandaʼu.

10 Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka;

yommuu inni na qoruttis ani akka warqee taʼee nan mulʼadha.

11 Miilli koo tarkaanfii isaatti dhiʼaatee duukaa buʼeera;

ani utuun irraa hin gorin karaa isaa eegeera.

12 Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne;

nyaata guyyaa guyyaa caalaas dubbii afaan isaa nan jaalladha.

13 "Inni garuu of dandaʼee kophaa isaa dhaabata;

kan isaan mormuu dandaʼu eenyu?

Inni waanuma jaallatu hojjeta.

14 Inni waan natti mure ni raawwata;

amma illee karoora akkanaa hedduu yaada isaa keessaa qaba.

15 Wanni ani fuula isaa duratti naʼuufis kanuma;

ani yommuun waan kana hunda yaadutti isa nan sodaadha.

16 Allaahan garaa koo ni raase;

Allaahan Waan Hunda Dandaʼu na sodaachise.

17 Haa taʼu malee dukkanni,

dukkanni limixiin fuula koo haguugu iyyuu na hin barbadeessine.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-