1 Eliihuun akkana jedhe:
2 "Yaa ogeeyyii, dubbii koo dhagaʼaa;
beektonnis na dhaggeeffadhaa.
3 Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu,
gurris dubbii calalaatii.
4 Waan qajeelaa taʼe ofii keenyaaf haa filannu;
waan gaariis tokkummaadhaan haa barannu.
5 "Ayyuub akkana jedha; ‘Ani qajeelaa dha;
Allaahan garuu murtii qajeelaa narraa fudhate.
6 Ani utuman nama dhugaa taʼee jiruu,
akka sobduuttin herregame;
ani yakka qabaachuu baadhu illee
xiyyi isaa madaa hin fayyineen na madeesseera.’
7 Namni akka bishaaniitti tuffii dhugu,
kan akka Ayyuub eenyu?
8 Inni warra hammina hojjetu wajjin walii gala;
jalʼoota wajjinis tokkummaa qabaata.
9 Inni, ‘Allaah gammachiisuu yaaluun,
namaaf faayidaa tokko iyyuu hin qabu’ jedhaatii.
10 "Kanaafuu isin yaa hubattoota, na dhagaʼaa.
Waan hamaa hojjechuun Allaah irraa,
dogoggoruunis Allaah Waan Hunda Dandaʼu irraa haa fagaatu.
11 Inni namaaf akkuma hojii isaatti gatii ni kenna;
waan karaa isaatiif malus itti fida.
12 Dhugumaan Allaahan hammina hin hojjetu;
Allaahan Waan Hunda Dandaʼu murtii qajeelaa hin jalʼisu.
13 Eenyutu lafa irratti isa muude?
Eenyutus addunyaa guutuu isatti kenne?
14 Utuu inni hafuura isaa deebisee fudhatee,
hafuura baafatu illee gara ofii isaatti deebifatee,
15 silaa sanyiin namaa hundi walumaan bada;
namnis biyyootti deebiʼa ture.
16 "Ati yoo hubannaa qabaatte waan kana dhagaʼi;
waan ani jedhus dhaggeeffadhu.
17 Namni murtii qajeelaa jibbu bulchuu dandaʼaa?
Atis isa qajeelaa fi humna qabeessa sanatti murtaa?
18 Kan moototaan, ‘Isin faayidaa hin qabdan;’ jedhee
qondaaltotaanis, ‘Isin hamoo dha’ jedhu isa mitii?
19 Inni ilmaan moototaatiif illee hin looguu;
sooreyyii fi hiyyeeyyii wal hin caalchisu;
hundi isaanii hojii harka isaatii.
20 Isaan halkan walakkaa tasa duʼu;
namoonni hollatanii dhumu;
jajjaboonnis utuma harki namaa isaan hin tuqin ni badu.
21 "Iji isaa karaa namootaa irra jira;
inni tarkaanfii isaanii hunda ni arga.
22 Iddoon warri waan hamaa hojjetan itti dhokatan,
dukkanni yookaan gaaddisni guddaan hin jiru.
23 Akka inni murtiidhaaf fuula isaa duratti dhiʼaatuuf,
Allaahan nama kam iyyuu hin beellamu.
24 Inni gaaffii tokko malee namoota jajjaboo ni burkuteessa;
warra biraa immoo iddoo isaanii ni kaaʼa.
25 Inni sababii hojii isaanii beekuuf,
halkan keessa isaan garagalcha; isaanis ni barbadaaʼu.
26 Sababii jalʼina isaaniitiifis
inni iddoo namni hundi argutti isaan adaba;
27 kunis waan isaan isa duukaa buʼuu irraa garagalanii
karaa isaa hunda dhiisaniif.
28 Isaan akka inni iyya rakkattootaa dhagaʼuuf,
akka iyyi hiyyeeyyii fuula isaa duratti dhagaʼamu godhaniiru.
29 Yoo inni calʼise garuu, eenyutu isatti muruu dandaʼa?
Yoo inni fuula isaa dhokfates eenyutu isa arguu dandaʼa?
Taʼus inni namaa fi saba illee ni toʼata;
30 kunis akka namni Allaahaf hin bulle
mootii hin taanee fi akka isaan sabaaf kiyyoo hin keenyeefii dha.
31 "Namni tokko Allaahan akkana jedha haa jennu;
‘Ani yakka hojjedheera; garuu itti hin deebiʼu.
32 Waan ani arguu hin dandeenye na barsiisi;
ani yoon dogoggora hojjedhee jiraadhe, lammata itti hin deebiʼu.’
33 Allaahan sababii ati qalbii jijjiirrachuu didduuf
akkuma yaada keetiitti gatii siif baasaa?
Situ murteessuu qaba malee ana miti;
kanaafuu ati waan beektu natti himi.
34 "Namoonni hubannaa qaban ni dubbatu;
namoonni ogeeyyiin na dhagaʼanis akkana jedhu;
35 ‘Ayyuub beekumsa malee dubbata;
dubbiin isaas hubannaa cimaa hin qabu.’
36 Ayyuub sababii akka nama hamaatti deebii kenneef
maaloo utuu hamma dhumaatti qoramee jiraatee!
37 Inni cubbuu isaa irratti fincila dabala;
tuffiidhaan gidduu keenyatti harka dhaʼa;
Allaah irrattis waan baayʼee dubbata."