Publicidade

Jó 3

Dubbii Ayyuub

1 Kana irratti Ayyuub afaan isaa banatee guyyaa itti dhalate abaare. 2 Innis akkana jedhe:

Ayyuub

3 "Guyyaan ani itti dhaladhe haa badu;

halkan, ‘Ilmi dhalate!’ jedhame sunis haa badu.

4 Guyyaan sun haa dukkanaaʼu;

Allaahan ol gubbaadhaa isa hin ilaalin;

ifnis itti hin ifin.

5 Dukkannii fi gaaddidduun guddaan isa haa dhaalan;

duumessi isa irra haa buʼu;

ifa isaa dukkanni haa liqimsu.

6 Halkan sana dukkanni limixiin haa qabatu;

guyyoota waggaa keessa jiranittis hin dabalamin

yookaan jiʼoota kam iyyuu keessatti hin lakkaaʼamin.

7 Halkan sun haa maseenu;

ililleenis keessatti hin dhagaʼamin.

8 Warri Lewaataanin kakaasuuf qophaaʼan,

kanneen guyyoota abaaran guyyaa sana haa abaaran.

9 Bakkalchi barii kan guyyaa sanaa haa dukkanaaʼu;

ifa eeggatee haa dhabu;

boruu baqaqus hin argin.

10 Inni ija koo duraa rakkina dhoksuuf,

balbala gadameessa haadha kootii natti hin cufneetii.

11 "Ani maaliif gadameessa haadha kootii keessatti hin badin?

Maaliifis yeruman garaa keessaa baʼetti hin duʼin?

12 Jilbawwan na simatan,

harmawwan ani hodhus maaliif achitti argaman?

13 Ani silaa yoona nagaan nan ciisa;

rafees nan boqodhan tureetii;

14 moototaa fi gorsitoota addunyaa

warra iddoowwan amma diigamanii jiran ofii isaaniitiif qopheeffatan wajjin,

15 bulchitoota warqee qaban, kanneen manneen isaanii

meetiidhaan guutatan wajjin nan boqodhan ture.

16 Yookaan ani maaliifin akkuma mucaa duʼee garaa baʼee,

akkuma daaʼima ifa guyyaa hin arginiitti hin qabbaramin?

17 Achittis namoonni hamoonni jeequu ni dhiisu;

dadhaboonnis achitti ni boqotu.

18 Boojiʼamtoonni nagaadhaan walii wajjin jiraatu;

waca cunqursitoota isaaniis hin dhagaʼan.

19 Xinnaa fi guddaan achi jira;

garbichis gooftaa isaa jalaa bilisoomeera.

20 "Maaliif warra gadadoo keessa jiraniif ifni

warra lubbuun isaanii gadditeef immoo jireenyi kennama?

21 Warra duʼa hawwanii dhabaniif

warra qabeenya dhokfame caalaa duʼa barbaadaniif

22 warra yommuu qabbaramuu gaʼanitti

gammachuun guutamanii ililchaniif jireenyi maaliif kennama?

23 Nama karaan isaa duraa dhokateef

nama Allaahan dallaa itti marse

jireenyi maaliif kennama?

24 Gaddi buddeena naa taʼeera;

aaduun koos akka bishaanii dhangalaʼa.

25 Wanni ani sodaadhe natti dhufeera;

wanni na naasisus narra gaʼeera.

26 Ani nagaa hin qabu; tasgabbiis hin qabu;

jeequmsa malee boqonnaa hin qabu."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-