Publicidade

Jó 32

Eeliihuu

1 Sababii Ayyuub nama qajeelaa of seʼeef namoonni sadan kunneen deebii kennuufii dhiisan. 2 Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichi maatiin Raamii sun garuu sababii Ayyuub qooda Allaaha qajeelaa of godheef akka malee itti aare. 3 Akkasumas sababii isaan Ayyuubitti muruu malee deebii hin qabaatiniif Eeliihuun michoota Ayyuub sadanitti akka malee aare. 4 Eliihuun waan namoonni sun umuriidhaan isa caalaniif utuu dursee Ayyuubitti hin dubbatin ture. 5 Garuu yeroo akka namoonni sun sadan waan dubbatan dhaban argetti aariin isaa ittuma caale.

6 Kanaafuu Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichaa sun akkana jedhe:

"Ani umuriidhaan xinnaa dha;

isin garuu jaarsolii dha;

kanaafuu ani yaada koo isinitti himuu

nan saalfadhe; nan sodaadhes.

7 Ani, ‘Umuriin ni dubbata;

barri dheeraanis ogummaa barsiisa’ jedhee yaadeen ture.

8 Garuu hafuura nama keessa jiru,

hafuura Allaahan Waan Hunda Dandaʼu itti baafatutu hubannaa kennaaf.

9 Ogeessi jaarsa qofa miti;

kan waan qajeelaa hubatus, nama umurii dheeraa qofa miti.

10 "Kanaafuu ani akkana nan jedhaa na dhaggeeffadhaa;

anis waanan beeku isinitti nan hima.

11 Ani yeroo isin dubbattan nan obse;

yeroo isin jechoota filattanitti illee

ani dubbii ogummaa kan isin dubbattan nan dhaggeeffadhe;

12 ani qalbeeffadheen isin dhagaʼe.

Garuu isin keessaa namni tokko iyyuu akka inni dogoggore Ayyuubin hin amansiifne;

namni tokko iyyuu falmii isaatiif deebii hin kennine.

13 Isin, ‘Nu ogummaa arganneerra;

nama utuu hin taʼin, Allaahan isa irra haa aanu’ hin jedhinaa.

14 Ayyuub garuu dubbii isaatiin na hin tuqne;

anis falmii keessaniin deebii isaaf hin kennu.

15 "Isaan abdii kutatanii waan jedhan dhaban;

dubbiinis isaan harkaa badde.

16 Erga isaan calʼisanii,

erga isaan deebii kennan tokko illee dhabanii achi dhadhaabatanii, ani eeguun qabaa?

17 Ani deebii koo nan kenna;

waanan beeku nan hima.

18 Dubbiin na keessa guuteeraatii;

hafuurri na keessa jirus na kakaasa;

19 garaan koo akkuma daadhii wayinii kan qadaadamee,

akkuma qalqalloo daadhii wayinii haaraa dhoʼuun gaʼeetii.

20 Ani dubbadhee qabbaneeffachuun qaba;

afaan koo banadhees deebii kennuun qaba.

21 Ani nama wal hin caalchisu;

yookaan nama tokko iyyuu hin saadu.

22 Utuu ani nama saaduu beekee,

Uumaan koo silaa dafee lafa irraa na balleessa ture.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-