1 Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise:
2 "Namni Allaah fayyaduu dandaʼaa?
Namni ogeessi iyyuu maal isa fayyada?
3 Yoo ati nama qajeelaa taate wanni kun Allaah Waan Hunda Dandaʼuuf gammachuu maalii kenna?
Yoo karaan kee hirʼina qabaachuu baates inni buʼaa maalii argata?
4 "Wanni Allaahan sitti dheekkamee murtiitti si dhiʼeessuuf
waan ati isa sodaattuufii?
5 Hamminni kee guddaa dha mitii?
Cubbuun kees dhuma hin qabu mitii?
6 Ati sababii malee obboloota kee irraa qabdii fudhatteerta;
namoota irraa uffata baaftee qullaa isaan hambifteerta.
7 Warra dadhaban bishaan hin obaafne;
kanneen beelaʼanis nyaata dhowwatteerta;
8 namni humna qabu biyya qabaata;
kan ulfina qabus keessa jiraata.
9 Ati dubartoota dhirsoonni irraa duʼan harka duwwaa gad dhiifte;
irree ijoollee abbaa hin qabnees ni cabsite.
10 Kanaafuu kiyyoon si marseera;
sodaan tasaas si qabateera.
11 Akka ati hin argineef ifni kee dukkanaaʼeera;
lolaan bishaaniis sirra garagala.
12 "Allaahan shamaayʼun keessa ol fagoo jiraata mitii?
Inni urjiiwwan ol fagoo jiran illee hammam akka ol fagaatan of jalatti gad ilaala!
13 Ati garuu akkana jetta; ‘Allaahan maal beeka?
Inni dukkana akkasii keessatti murtii kennaa?
14 Yommuu inni bantii shamaayʼun irra deemu,
akka inni nu hin argineef duumessi gobbuun isa haguuga.’
15 Ati daandii durii
kan namoonni hamoon irra deeman duukaa buutaa?
16 Isaan utuu yeroon isaanii hin gaʼin fudhataman;
hundeen isaanis lolaadhaan haxaaʼame.
17 Isaanis Allaahan, ‘Nu dhiisi! Allaahan Waan Hunda Dandaʼu
maal nu gochuu dandaʼa?’ jedhan.
18 Garuu kan mana isaanii waan gaariin guute isuma;
kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
19 Qajeelonnis badiisa isaanii arganii ni gammadu;
warri balleessaa hin qabnes akkana jedhanii isaanitti qoosu;
20 ‘Dhugumaan amajaajonni keenya balleeffamaniiru;
qabeenya isaaniis ibiddi barbadeesseera.’
21 "Allaahan walii gali; isa wajjinis nagaan jiraadhu;
haala kanaanis wanni gaariin siif dhufa.
22 Afaan isaatii qajeelfama fudhadhu;
dubbii isaa illee garaatti qabadhu.
23 Yoo gara Allaah Waan Hunda Dandaʼuutti deebite, ati ni haaromfamta;
yoo dunkaana kee keessaa hammina balleessitee
24 warqee kee biyyoo keessa buufte,
yoo warqee Oofiirii immoo dhagaa keessatti gatte,
25 yoos Allaahan Waan Hunda Dandaʼu warqee,
meetii filatamaas siif taʼa.
26 Ati yeroo sanatti Allaah Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadda;
fuula kees gara Allaahatti ol qabatta.
27 Ati isa duratti duʼaa godhatta; inni si dhagaʼa;
ati immoo wareega kee ni baafatta.
28 Wanni ati murteessite ni taʼa;
ifnis karaa kee irratti ni ifa.
29 Yeroo namoonni gad qabamanitti ati immoo, ‘Ol isaan qabi!’ jetta;
innis warra gad qabaman ni baraara.
30 Inni nama balleessaa qabu illee ni oolcha;
ati qulqullummaa harka keetiitiin furamta."