Pular para o conteúdo
Publicidade

Ayyuub 16

Ayyuub

1 Ayyuubis akkana jedhee deebise:

2 "Ani waan akkanaa baayʼee dhagaʼeera;

hundi keessan jajjabeessitoota nama dhiphistanii dha!

3 Haasaan faayidaa hin qabne kun hin dhumuu?

Wanni akka ati oduu dheeressituuf si tuttuqu maali?

4 Utuu isin iddoo koo jiraattanii

silaa ani akkuma keessan kana nan dubbadha ture;

dubbii miʼooftuu dubbachuudhaanis

mataa koo isinitti nan raasan ture.

5 Ani afaan kootiin isin jajjabeessee

gorsi arraba kootiis qabbana isinii kenna ture.

6 "Yoo ani dubbadhe dhukkubni koo natti hin wayyaaʼu;

cal jedhus na hin dhiisu.

7 Yaa Allaah, ati dhugumaan na dadhabsiifteerta;

warra mana koo jiru hundas balleessiteerta.

8 Ati na kokotteessite; kunis ragaa natti taʼe;

akka malee huqqachuun koos ifatti baʼee na saaxile.

9 Allaahan dheekkamsa isaatiin rukutee na ciccire;

ilkaan isaa natti qarate;

diinni koo ija isaa natti babaase.

10 Namoonni natti qoosuuf afaan banatan;

tuffiidhaan maddii koo kabalan;

tokko taʼanii natti kaʼan.

11 Allaahanis dabarsee hamootatti na kenne;

harka jalʼootaa keessas na buuse.

12 Ani nagaan jiraachaan ture; inni garuu na burkuteesse;

morma na qabee na caccabse.

Xiyyeeffannaa isaas na godhate;

13 loltoonni isaa warri xiyyaan lolan na marsu.

Inni gara laafina malee kalee koo waraanee

hadhooftuu koo illee lafatti gad jigse.

14 Inni ammumaa amma na caccabsa;

akkuma loltuu tokkootti natti fiiga.

15 "Ani gogaa kootti uffata gaddaa hodhadheera;

gaanfa koos biyyoo keessatti qabbareera.

16 Fuulli koo booʼichaan diimateera;

dukkanni limixiinis ija koo irra buʼeera.

17 Taʼus harki koo yakka tokko illee hin hojjenne;

duʼaan koos qulqulluu dha.

18 "Yaa lafa, ati dhiiga koo hin dhoksin;

akka iyyi koo iddoo boqonnaa argatus hin godhin!

19 Amma iyyuu dhuga baʼaan koo shamaayʼun irra jira;

abukaattoon koos ol gubbaa jira.

20 Michoonni koo na tuffatu;

iji koos imimmaan gara Allaahatti facaasa;

21 akkuma namni michuu isaatiif kadhatu sana

utuu namni Allaah kadhatu namaaf jiraatee!

22 "Waggoota xinnoo booddee,

ani gara deemanii deebiʼuun hin jirre nan deema.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também